Maan Siitii v Maan Yuunaayitid- Qabxiilee tapha jabaa kana irratti eegaman

Maxxanfame

Tapha jabaa bara kanaa keessaa tokko har’a Darbii Maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid gidduutti gaggeefamudha.

Kilebootni lamaan gahumsa gaarii irratti argamu. Yuunaayitid taphoota jalqabaa lamaan mo’amee erga jalqabee booda fooyya’insa gaarii agarsiiseera.

Tapha hunda irratti galchii kan lakkoofsisu Erliingi Haalaandi Maan Siitiin ammo Arsenaalitti aanee sadarkaa lammaffaa irra jira.

Taphataan sarara ittisaa Maan Siitii Joon Istoonsi miidhama garee biyyaalessaa Ingiliz irratti isa mudateen har’a hin taphatu.

Akkasuma gama Maan Yuunaayitidiin taa’umsa jijjiirraa irra kan ture Haarii Maguweer miidhamaan tapha har’aa keessatti hin hammatamne.

Maan Siitiif Ayemrik Laaporti miidhama irraa deebi’uun shaakala jalqabeera. Tapha kanaaf garuu qophii tahuu dhiisuu mala.

Erik Ten Haag Aantoonii Maarshaalii fi Maarkes Raashfoordi garee isaa har’aatti akka makaman godhaniiru.

Lamaan isaanii miidhamanii turanis shaakala hojjetaniiru.

Tilmaama Kiriis Suuton

Taphataan duraanii Liiverpuul Kiriis Suuton amma BBC irratti tilmaama Piriimer Liigii kan kennu Maan Yuunaayitid gahumsa kam irrayyuu jiraatan kan waliin morkatan Maan Siitiidha jedhan.

Maan Siitiin ammo kilaba baay’ee cimaa Piriimer Liigii fi biyyattii keessati. Tapha kana duraa irratti Arsenaaliyyuu Maan Yuunaayitidiif qormaata tahanii ture. Carraa argatanitti hin fayyadamne malee.

Kanaaf Maan Siitiin gahumsa isaaniin taphannaan Yuunaayitidiin amansiisani mo’atu jedhan.

Maan Yuunaayitid deebisanii taphachuu [counter] yaalii guddaa taasisuu malu. Garuu mo’achuu hin danda’an jechuun tilmaama isaanii kennan.

Maan Siitii 4 / 1 Maan Yuunaayitid- Jechuun tilmamaniiru. Tilmaama keessan kennuu dandeessu.

Tapha darbii Landan kaleessa gaggeeffameen Arsenaal Tootenahaamiin 3 fi 1’n mo’atan. Arsenaal dhugumatti kilaba jijiiramee fi waancaaf morkataa jiru fakkaateera.

Gareen Antooniyoo Koontee Tootenahaam kaleessa gahumsa isaanii kana duraa homaa Arsenaal irratti agarsiisuu hin dandeenye.

Arsenaal gabatee liigichaa qabxii 21‘n dursuu itti fufeera. Gama biraan Liiverpuul qixa 3 fi3’n Biraayitan waliin qabxiii qooddatan.

Liiverpuul haala kanaan kann itti ffu yoo tahe, hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii dhabuu mala. Cheelsiin leenjisaa isaanii haaraa Giraam Pooter jalatti injifannoon jalqaban.

Chelsiin 2 fi1’n Kiristaal Paalaasiin mo’atan.