Dhiibbaa Raashiyaa morkachuuf Ministirri Dhimma Alaa US daawwannaa Afrikaa eegalan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooniyoo Biliinkan dhiibbaa yookiin dhageettii Ameerikaa caalmaatti guddisuuf daawwannaa biyyoota Afrikaatti eegalan.
Daawwannaan Bilinkan kun erga Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laaviroov Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa daawwataniin booda kan dhufedha.
Biliinkan daawwannaa isaanii jalqabaan Afrikaa Kibbaa qubataniiru.
Biliinkan karoora haaraa dhiibbaa Ameerikaan Afrikaarratti qabdu guddisu ifa godhu jedhamee eegama.
Raashiyaan ala Chaayinaanillee olaantummaa US Afrikaa keessaa qabdu morkachaa jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naaledi Pandoor dhimma waraana Yukireen irratti sababa Moskoo hin balaaleeffanneef Ameerikaan biyyoota Afrikaa adabuuf yaalaa jirti jechuun himatani.
Biyyoonni Afrikaa lola Raashiyaafi Yukireen keessa adeemaa jiruun lamatti hiramanii turan.
Keessumaa gatii midhaanii sababa waraana Yukireeniin dabaleef Raashiyaafi biyyoonni Lixaa wal himatu.
Laavrov yeroo Finfinnee daawwatan ‘‘Dhugaadha, haala Yukireen keessa jiru gabaa nyaataa irratti dhiibaa taasiseera.
''Haata’u malee kun kan ta’e sababii duula Raashiyaatiin osoo hin taane, tarkaanfii hin malee warri liixaa fudhataniin,’’ jedhan.
Afrikaan Kibbaa waraana Yukireenirratti gidduu kan dhaabbate yoo ta’u, waamicha biyyoonni Lixaa Moskoo akka balaaleffattu taasisaniis hin fudhanne.
Daawwannaa Piritooriyaa booda Biliinkan biyyoota Baha Afrikaa kan ta’an Rippablika Dimookiraatawaa Kongoofi Ruwaandaa daawwatu.
Waldhibdee baha Kongootti mudateen biyyoonni lamaan muddama seenaniiru.
Ruwaanda fi DR Koongoo hidhattoota M23 jedhamuun baha Koongoo keessa socha’an irratti hanga waraanaf walitti dhaadachuutti gahanii turan.
DR Koongon hidhattoota M23 jedhaman kan hidhachiisee deeggaru Ruwaandadha jechuun hanga haleellaa waraanaa Ruwaandaa irratti fudhachuuttii dhaadattee turte.
Ruwaandaan garuu himannaa kana hin fudhattu.
Hidhattoonni M23 “kaayyoo qabatamaa” qabsaa’aniif akka qaban dubbatu.
Innis, uummata Koongoo afaan Kiniyarwanda dubbatanii fi waggootaf moggaatti dhiibamaniif akka falman dubbatu.
Mootumaan Koongoo garuu garichi ergamtoota Ruwaandati jechuun komata.












