Balaa ibiddaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Masriin obbolaa lakkuu dabalatee daa'imman 15 du'an

Madda suuraa, FACEBOOK
Dilbatarra balaa ibidda mana amantaa Koptiikii yookiin Mana Kiristaanaa Ortodoksiitti uumameen namoota du’an 41 keessaa daa’imman 15 turani.
Dilbata ganama magaalaa Giizaatti, Waldaan Abuu Efien ijoollee fi maatii isaanii dabalatee namoota waqeeffannaarra turaniin kan guute ture.
Gamoo darbii afurii keessatti ijoolleen hedduu darbii tokkoffaa irratti barumsarra turani yeroo balaan ibiddaa mudate. Qorattoonni ibiddi kun kan madde sababa rakkoo elektirikiin akka ta’e amanu.
Ministeerri fayyaa biyyattii akka jedhutti, namootni hedduun kan du’an sababa aara ibiddaan uumameefi karaa balbala cufaa ta’een ba’uuf yeroo baqatanitti walirra ejjachuu uumameenidha.
Akka maatii, qondaaltonni waldichaa, hospitaallii fi miidiyaaleen Masrii jedhanitti, ijoollee du’an keessaa obbolaan umrii ganna shanii, kan sadanuu waliin dhalatan (triplets) Mohrayeel, Yuseef fi Filoopaator Basseem Amiir ni argamu.
Obbolaan kun kan du’an harmee isaanii Ayrina Atef Ramzi, ganna 34, akkoo isaanii Magdaa Habiib Nabiih, ganna 61 fi adaadaa isaanii Mirnaa Ateef Raamzii, ganna 25 waliini.
Durbiin Ayriin farfattuun Mireetya Emaad, gadda ishee Fesbuukii gubbaatti ibsiteetti.
“Amma qulqulloota ja’a jannata keessaa qaba,” jechuun barreessite.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaa kanaan ijoollee sadii kan dhabe maatii Miretyaa qofa miti.
Ijoolleen dubaraa lakkuu umurii ganna shanii Mariyaam fi Baarinaa Tamiir Wajii fi obboleessi isaanii ganna sadii Ibraahim namoota lubbuun isaani darbe jedhamuun Hopitaalli Imbaadaa maxxanse kessa jiru.
Ijoollee lubbuun isaani darbe keessaa Karolos Ariyaan umurii ganna 10, Minaa Azmii umurii ganna 13 fi Mina Fakhiir ganna 16 ni argamu.
Harmeen Karoloos balaa kanaan kan lubbuun ishee darbe yoo ta’u, obboleessi isaa Raamii ammo lubbuun ooluu Coptes United gabaaseera.
Dabalataanis, miidiyaaleen biyyatti akka gabaasanitti dubartiin tokko ijoollee ishee lama balaa kanaan dhabdeetti. Keessaa tokko daa’ima Miinaa jedhamudha.
“Ana gara jannataatti kan isaan geese,” jechuun Esnaad gara Mana Kiristaanaatti isaan geessuuf ganamaan akka dammaqsiteen dubbateetti.
“Miinaan Roobii deemna naan jedhe. Ani garuu dideen har’a deemuu qabdan jedheeni,” jechuun dubbatteetti.
Ga’eessota lubbuun isaanii darbe keessaa lubi waldichaa, Abdul Masii Bakhiit isaan tokkodha.












