Shakkamaan haadhaafi intalashee ajjeese poolisiif jechasaa kenne

Maxxanfame

Shakkamaan ajjeechaa dubartii fi intalashee kan waggaa lamaa bakka buteensaanii dhabamee ture, lamaanuu ajjeesuun kutaa nyaanni itti bilchaatu jala awwaaluu poolisiitti hime.

Dhimmi ajjeechaa kunis ammatti UKtti mana murtiitti dhagahamaa jira.

Qondaaltonni poolisii mana shakkamaa, Andriiw Inee jedhamuufi kan Landan Dundeetti argamu deemuun reenfa dubartii Beeniilii Burkee fi kan mucaashee kan waggaa lamaa Jaallikaa argan.

Shakkamaan kunis Beeniilii kan waggaa 25 fi intalashee Jaalikaa ajjeesuun reeffa isaanii Guraandhala ykn Bitooteessa 2021 keessa akka awwaale hime.

Haata'u malee gaheessi waggaa 52 kun duraan ajjeechaa haadhaafi mucaa ishee keessaa harka akka hin qabne waakkataa ture.

Akkasumas mucaa dhalattuu Jaalikaa irratti midhaa saal-qunnamtii raawwachuu yaaluun himatamee mana murtii amansiisuuf yaalaa ture.

Namni kunis daa'ima gara biraas dirqiidhaan gudeeduun himatameera.

Haata'u malee himannaawwan kanneen hundaa akka hin raawwanne mormaa ture.

Booda garuu ragaan abookaatoo miidhamtootaafi shakkamaa lamaanu haaluma walfakkaataan ajjeechaa raawwachusaa akka amane mana murtii Edinbargi irratti dubbifame.

Dubartittiis irra dedeebiin haaduudhaan waraanuun karaa muka haadutiiniifi burruusaan mataa keessaa reebee akka ajjeese amane.

Jaalikaan ammoo ukkaanfamtee du'uutu himame.

Abbaan alangaa dhimmicha mana murtiitti dhiyeesse, Obbo Morgaan shakkamaan booda reeffa erga shaanxaa keessa kaa'een booda manasaatti kutaa nyaanni itti bilcheefamu jala awwaalee jedhan.

Qorannoon reeffa irratti gaggeeffames Beeniiliin waransa cimaa laphee isheerratti raawwatameefi mataa keessa rukutamteen du'uu adda baase.

Beeniiliin lammii Filippiin yoo taatu, osoo shakkamaa waliin Guraandhala 2021 gara mansaatti waliin hin deemiin dura karaa intarneetiin isaan wal barte.

Baatii ittaanuutti ammoo reeffii haadhaafi intalashee kutaa nyaanni itti bilchaatu jalaa argame.

'Anatu ishee ajjeese'

Jalaqabarratti Jaalikaan akka baduun himameen wayita hiriyoonniifi namoonni kaan gara mansaa deemanii akka gaafataniif ergamanii turan.

Jalqabarratti sababii koovidi eeruudhaan shakkamaan namoonni mansaa akka hin seennee ittisaa ture jedhame.

Kana malees mucaa xiqqoon manasaatti argate kan biraa, intala isaa akka turte himee turre.

Akkasumas jara lamaan buuda ajjeessuu amane, duraankonkolaataadhaan gara Gilaasgoowitti gaggeessuun dhiira biraa waliin dhiisuus dubbatee ture.

Haata'u malee erga irra deddeebiin waa'ee Beeniiliin erga gaafatameen booda ''reeffiishee kutaa nyaanni itti bilchaatu jala'' jira jedhe.

Itti dabalunis, ''Anatu ishee ajjeesse. Wal dhabnaanan ajjeeseen'' jedhe. Boodas, qondaala poolisitiin ajjeechaa akkasiitiif murtee attamii argattaaf jechuun gaafate.

Waraabbiin ragaa viidiyoo guyyaa shakkamaan to'atamu daa'ima isa waliin turee dubbatte wayita agarsiifameetti ummatatti akka hin mul'ane dhorkame.

Mucattiinis godhaa saal quunnamtii shakkamaadhaan akka raawwattu gaafatamte kan dubbattee yoo ta'u, yeroo ta'e harkishee hidhamee akka ture himte.

Daa'imtii dabalunis shakkamaan yoo burruusaan mataa Beeniiliin rukutu argu himte. Beeniiliin waan ta'e jechuu yaaltulleen garuu hin dhagahamu ture jette.

Manni murtii isaan duras abbaa Jeelikaafi abbaa warraa duraanii Beeliinii, Lexingtan Burkee dubbisee ture.

Obbo Burkee kan waggaa 65, haadha warraa isaatiin adda bahulleen garuu intalasaa Jeelikaa Guraandhala 19, 2021 argee akka turre hime.

Torbe sana keessa erga ergaa isaatiif deebii dhabeen booda Jeelikaan baduu poolisiitti gabaasee ture. Dhaddachi Edinbargi keessaa dhimmicha ilaaluu itti fufeera.