Namtichi boombii xiyyaara barbadeesse tolchuun himatame mana murtiitti dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Liibiyaa boombii xiyyaara waggaa 34 dura Lookarbiitti barbaadesse tolchuun himatame Ameerikaatti hidhamee akka jiru qondaaltonni Iskootilaand himan.
Lakkoofsi gabate xiyyaara kanaa Pan Am flight 103 jedhama.
Ameerikaan waggaa lama dura himata Abu Agilaa Masuud irratti banuu kan beeksifte.
Masuud Mudde 21, bara 1988 xiyyaaraa bombiin haleeluu keessatti qooda ijoo gumaachuun himatame.
Dho’iinsa bombii xiyyaara Booying 747 irra qaqqabe sun lubbuu namoota 270 galaafate.
Gochi shororkeessummaa dachee Biriitish irratti qaqqabe kun yeroo sanatti balaa hammaataa lubbuu namoota danuu galaafate ta’uu isaatu yaadatama.
Balaliistota xiyyaarichaa dabalatee, imaltonni 259 hundi isaanii balaa xiyyaara Landanirraa gara Niwuyoorkitti imalarra turerra qaqqabeen du’an.
Namoonni 11 ammoo cabaa xiyyaarichaatu mana isaaniirratti kufee, lubbuu isaanii galaafate ture.
Ji’a darbe Abu Agilaa Masuud hidhattoota Liibiyaa keessa socho’aniin qabamuu isaatu gabaafame ture.
Hidhattootaan butamuu isaa hordofee dhaddacha mana murtiitti akka dhiyaatuuf Ameerikaaf dabarfamee kennamuu mala tilmaamni jedhu dhiyaataa ture.
Dubbi-himaan Dippaartimentii Haqaa Ameerikaa Rooyitarsitti akka himanitti, shakkamaan kun jalqaba Mana Murtii Federaalaa Waashiingteen D.C keessatti argamutti dhiyaata jedhame.
Abu Agilaa Masuud bombii tolchuu isaatiif waggaa shan dura Liibiyaa keessatti hidhamee ture.
Bara 2001 ammoo Abdulbaasix al-Megraahi namtichi jedhamu boombii xiyyaara Pan Am 103 barbadeesse tolchuu isaatiif dhaddacha mana murtii Iskootilaanditti dhiyaachuun balleessaa raawwachuun itti murame.
Haaleellaa qaqqabe sanaaf Megraahi qofatti balleessaan muramee ture.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Megrahiitti hidhaan umrii guutuu erga muramee ture, garuu bara 2009 dhibee kaansariitiin qabamnaan mootummaan Iskootilaand hidhaarraa gadhiise.
Abdulbaasix al-Megraahi bara 2012 Liibyaatti du’e.
Abu Agilaa Masuud wayita mana hidhaa Liibiyaa jiru xiyyaaricha barbadeessuu keessatti Megraahi waliin hirmaachuu amaneera.
Abukaatoon Megraahi kan ta’an Aamer Anuwaar akka himutti, Masuud nama waraana bobbaasu fi ‘‘sarbamiinsa mirga namoomaa qaqqabsiisuun heddu balaaleffatama‘‘ jedhe.
Megraahiin yakkan raawwadhe hin qabu jedhanii waakkatu.
Xiyyaarri Pan Am flight 103 magaalaa Kibba Iskootilaanditti argamtu Lookerbii jedhamtutti Mudde 21 bara 1988 barbadoofte.
Seenaan haleellaa boombii kun walxaxaa turedha.
Pirezidantiin duranii Afrikaa Kibbaa Niilsan Mandeellaan garuu namoonni halellaa boombii sana qaqqabsiisuun shakkaman mana murtii Iskootilaand Nezerlaanditti ta’aamutti akka dhiyaatan taasisuu keessatti qooda qabu.
Shakkamtoota lamaan keessaa tokkoon isaa xiyyaaricha boombiin haleeluun balleessaa raawwachuun itti muramee ture.
Bulchiinsi Koloneel Mohaammad Gaadaafi bara 2011 diigamuu hordofee shakkamtoonni haleellaa boombii sana keessaa qooda qaban biroo dabalataan dhaddacha mana murtiitti ni dhiyaatu jedhamee abdatamee ture.
Bara 2020 Abbaan alangaa waliigalaa Ameerikaa duraanii Wiiliyaam Baar himata Abu Agilaa Masuud banuu himanii turan.












