Baayidan Yukireen misaayela fageenya dheeraa Raashiyaatti akka dhukaastu eeyyaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yukireen misaayela fageenya dheeraa biyyattiin dhiyeessituuf Raashiyaatti akka dhukaastu yeroo jalqabaaf eeyyaman.

Qondaalli Ameerikaa tokko tarkaanfiin kuni fudhatamuufi Ameerikaafis jijjiirama imaammataa akka tahe miidiyaa michuu BBC, CBS'f mirkaneesseera.

Ji'oota baayyeef pireezideentiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii dhorkaan misaayela ATACMS jedhamuu akka ka'uufi Yukireen Keeviin ala akka haleeltu gaafachaa ture.

Gaafa Dilbataa ''waan akkasii hin dubbatamu misaayeliin ofiin of hima,'' jedhee ture.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin warri Lixaa tarkaanfii akkanaa fudhachuurraa akka of qusatan akeekkachiisee ture. Tarkaanfiin akkanaa yoo fudhatame Nato'n waraana Yukireen keessatti ''kallattiin akka hirmaate,'' agarsiisa jedhe.

Puutiin tarkaanfii Dilbataa kanarratti yaada kennuu baatullee qondaallii Kireemliin biraan dubbii hammeessa jedheera.

Eeyyamni Ameerikaa fayyadama misaayela ATACMS humna ittisaa Yukireen daangaa Raashiyaa Kuuriski keessa jiraniif qofa kan daanga'e dha. Hagayya darbe Yukireen daangaa Raashiyaa kanatti haleellaa tasaa banteetu seente.

Bulchiinsi Baayidan tattaaffii Yukireen daangaa Raashiyaa qabattee jirtu itti cichitee akka turtu himaa jira. Kunis marii gara fuulduraaf humna akka tahuufi danda'utu himamaa jira.

Seerii Kuzaan hogganaan nageenya Yukireen murtoon Joo Baayidan biyyattiif ''akkaan barbaachisaa dha,'' jedhan.

''Murtoon kuni adeemsa waraanichaa waan geeddaru miti, garuu humna qaama lamaanii wal-madaalchisa,'' jedhan.

Misaayelli ATACMS jedhamu kuni hanga km300 kan qaqqabu yoo tahu, qondaalli Ameerikaa tokko Joo Baayidan murtoo kanarra kan gahan Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa Yukireeniin akka lolan eyyamuun booda dha.

Kuzaan akka jedhanitti murtoon kuni kan kenname Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa wajjin tahuun humnoota Yukireen Raashiyaa Kuuriski keessaa baasuuf yeroo korachaa jirtutti dha.

Haleellaan kunis guyyoota muraasa keessatti akka raawwatu eegama.

Yukireen loltoonni Kooriyaa Kaabaa 11,000 tahan Kuurisk keessa akka jiran tilmaamteetti.

Baayidan fayyadama misaayelaa kana eeyyamuun Biriiteenii fi Faransaayillee akka meeshaa kana Yukireeniif eeyyaman taasisuu mala.

Tahus murtoo Baayidan kanaaf Faransaayis tahe UK'n deebii hin kennine.

Baatii darbe Zelenskiin Yukireen misaayeloota fageenya dheeraa furguggifaman baha Raashiyaa haleeluuf yeroo jalqabaaf fayyadamuu ibsee ture.

Ji'ootaaf Yukireen loltuu Raashiyaa suuta gara daangaa bahaa Donteeski lafa dhiyeessiin humnoota Yukireen jirutti dhiyaachaa turan wajjin waldhaansoo keessa turte.

Raashiyaanis akkasuma haleellaa diroonii Yukireen irratti taasiftu dabaltee ture. Baatii Onkololeessa keessa haleellaan dirooniin 2000 raawwatee ture jetti Yukireen.

Sanbata galgala Raashiyaan haleellaa jabaa jedhamu kan raawwatte yoo tahu namoonni 10 ajjeefamaniiru. Akka Zelenskiin jedhanitti misaayeloonni 120 fi dirooniiwwan 90 darbatamaniiru.

Gaafa Dilbataas haleellaan itti fufee gamoo jireenyaa dhahuun booda namoonni saddeet yoo ajjeefaman isaan keessa lamni daa'imman turan.

Joo Baayidan Amajji dhufu Waayit Haawus kan gadhiisan yoo tahu waraanni Yukireen dafee akka raawwatamu barbaadaa turan.

Donaald Tiraamp gara aangootti yeroo dhufan deeggarsa Yukireeniif kennamu akka dhaabuu malan yaaddoon jira.

Deeggarsa waraanaa Yukireen Tiraamp akka leecelloo Ameerikaa gogsutti ilaala. Akkatti tahu himuu baatus waraana kana akka dhaabu himeera.

Ameerikaan erga waraanni jalqabee hamma Waxabajjii 2024tti Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiyeessiteetti. Meeshaan waraanaa ergames doolaara biliyoona 55.5 baasa jedha dhaabbanni qorannoo Jarman tokko.