Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ergama nama tokkichaa addeessa nutti agarsiise
"Yeroo hundaa maaluma akka arganii deeban arguun barbaada ture. Xiyyaara/roobootii ittiin imalan sana keessa galuu, foddaa isaan ittiin ala ilaalan sanaan anis gara alaatti ilaaluu fi yeroo achi gahanii ji’arra ejjetan maal akka argan arguun barbaada.’’
Andii Saandersi fedha guddaa qaba. Seenaa dhala namaa keessatti seena qabeessa kan tahe ergama Appoloo 11 ture.
Garuu sodaa guddaa tokkos qaba ture. Kun ammoo ergama gara hawwaa bara 1960 fi 1970 keessaan suuraalee kaafamanidha.
Ykn ammoo suuraaleen kunneen haalatti kaafamanii nutti agarsiifaman, ykn qulqullina dhabuu isaanii irraa kan ka’e tahuu mala.
Abbaan qabeenyaa Cheshaayer kanumarraa ka’uun waggoota muraasa dura hojii isaa dhiisuun yeroo isaa guutuu suuraalee qorannoo hawaa US kuusuuf jalqabe.
Bu’aa gaarii tahes argamsiise. Kitaaba suuraalee qorannoo hawaa US, NASA’n kaafaman ‘Apollo Remastered’ jedhamu qopheesse. Kitaabni kun suuraalee 400 odeeffannoo bal’aa kan dhalli namaa adunyaa biraa abuuruu agarsiisan of keessaa qaba.
Gariin isaanii baruu dandeessu. Suuraalee ajaa’ibbsiisoo Addeessa/ji’a irraa kaafaman keessaa tokko.
Kaan garuu kana dura agartanii hin beektan.Yoo hubattanii ilaaltan waanuma bira
Milkaa’inni kun ammoo kan argame suuraa jalqaba kaafame sana kaameeraa HD [high definition] tahe fayyadamuun iskaan [scan] gochuudhaani.
Suuraan kana NASAtu bakka baay’ee qorraa keessa tursiiseera. Kanaaf qulqullina isaa duraa sanaan turuu danda’e.
Akkasumas teeknoloojii ammayyaa fayyadamuun miidhaksee suuraa lamaan tokko qopheesera.
"Dhimmatti suuraalee seenaa keessatti baay’ee adda tahan kana qulqullina gaariidhaan hin argineef hin qabnu. Sababni isaas kaameeraa, leensii fi fiilmii baay’ee gaarii tahe kan amma laabiratorii suuraa keessatti fayyadamaa jirru fayyadamanii kaasan,’’ jedhe Andiin.
Kan irra deebiin qopheesse irratti fuulaa nama yeroo jalqabaaf ji’a irra adeeme Neel Armistiroongi yeroo jalqabaaf qulqullinaan sirriitti arguu dandeenye.
Garuu nama seenaa adda tahe hojjete kun akkamitti suuraa baay’ee hin achirratti hin kaafamiin hafe?
Hojii dinqisiisaa Andiin hojjete biraa ammoo fiilmii 16mm dheeratu kan yeroo imala gara Ji’aa fi achiimmo gara dacheetti deebi’an agarsiisudha.
Kuusaa Apoloo keessa sa’aatii 10 kan dheeratutu jira. Kun kan waraabame astiroonemerootaa imalicha irra turaniinidha.
Andiin sooftiweerii isaa irratti mala ittiin miidhaksu [edit[ fayyadamuun suuraa adda tahe tokko qopheese. Kun ammo suuraa odeeffannoo guutuu ibsuu danda’u kaameraa ammaayyaan kaafame fakkaata.
Fakkeenya gaariin tokko kaardiin agarsiiftuu imalichaa taate ‘Cue Crad’ ykn boordiin rooboticharraa ‘clapperboard’ mul’achuu isaati.
Kana astironomerii Biil Andersi imala Apolo 8 irratti kan fayyadamedha.
Fireemiin suuraa isaa dhuunfaan isaatti yoo ilaalle kan gurracheffamanii fi ‘’jeeqamanidha.’’
Garuu erga fiilmichi kompitera Andii keessa galee wantoota duraan hin mul’anne agaruu dandeenyeerra.
Fakkeenyaaf sa’aa harkaa dhuunfaa kana dura hin mul’anne hojii Andii Kanaan adda baasuun danda’ameera.
Suuraan Andii irra deebiin miidhaksee hojjete kun fuula kitaaba isaa kan miidhaksan keessaa tokko taha.
Suuraa kuusaa Apooloo 35,000 ilaale keessaa warra abdii xiqqoo qan adda baasee irratti hojjete.
"Suuraa guutummaatti ajaa'ibsiisaa ima Apollo bara 1969 irraa fudhatamedha.
Ajaa'ibsiifannaadhaan foddaa keessaan ol ilaaluu jechuun ni danda'ama," jechuun Andiin suuricha ibsa.
"Dhugaa jiru yoo ilaalle, kana caalaa gaarii dha sababiin isaas McDivitt dhugumatti adeemsa qubannaa raawwachuu irra jira.
Kun yeroo jalqabaatiif namootni imala hawaa keessaa gara manaatti isaan geessuu hin dandeenye taasisan ture.
Sababiin isaas haala ji'aa qorachaa waan turaniifi. Ittisa ho’aas hin qabu ture. Yoo imalicha irratti hin qubanne tahe manatti deebi'uu hin danda'an turan. Yeroo gatii guddaa qabu, yeroo cimaa, yeroo seena qabeessadha,’’ jedhe Andin.
"Halluu fiilmii wantoota adda addaatu miidha,’’ jedhe.
‘’Barruuwwan tokko tokko isaan kaan caalaa dulloomaniiru, kaan ammo haga tahe qofa miidhakfaman kaan ammo akka addaatti iskaan tahan,’’ jedhe Andiin.
Fuulduratti NASAn miira [kaka’umsa] Apoloo irra deebiin fida jennee abdanna.
Sagantaan isaa Artemis rokkeetii guddaa tahe gara ji’aatti ni erga. Nama of irraa kan hin qabne yoo tahu kaameeraan isaa digirii 360;n suuraa adda tahan walitti qaba.
Kaameerichi qulqullina kaameeraa HD dhaan waan kaasuuf kallatinis odeeffannoo tamsaasa
Dubartii yeroo jalqabaaf ji’a irra deemtu arguuf jirra. Yeroo adda tahetu galmaa’a. Namni tahe tokko suuraa ishee kaasa jennee abdanna,’’ jedhe Andiin.