Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Humnoonni Tigraay Qobbootti manarra deemanii sakatta'aa turan'- jiraataa
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture ji'oota shan booda torbee darbe keessa bifa haaraan eegaleera.
Marii karaa nagaan furama jedhamee abdatamus garuu naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti ammas deebiyee waraanni banameera.
Sambata darbe sa'atii boodarra humnoonni Tigraay, naannoo Amaaraa keessaa Tigraay kan daangessitu, magaalaa Godina Walloo qabachuun gabaafame.
Mootummaanis erga finciltoonni kunneen kallattii maraan haleellaa eegalanii booda, ''dhumaatii lammiilee hambisuuf jecha,'' humnoonni federaalaa magaalattii gadhiisanii akka ba'an beeksiseera.
Hooggantoonni tigraay ammoo haleellaa mootummaan federaalaa isaanirratti banuu himatan ''ofirraa qolachuuf jecha duula gaggeessaniin,'' magaalaa Qobboo fi iddoowwan naannawa magaalattii jiran to'achuun, achirraa haleellaa ofirraa qolataa jiraachuu ibsan.
Jiraattonni magaalaa Qobboo keessaa dheessuun iddoowwan Walloo Kaabaa garaagaraa keessa riphanii jiran, waraanni mootummaa federaalaa, humni addaa naannoo Amaaraa fi Gareen Faannoo jedhamu erga gara godina kanaa seenanii humnoota Tigraay waliin wal waraanaa jiraachuu BBCtti himaniiru.
BBCn jiraattota Qobboo kunneen Sambata sa'a boodaa fi Dilbata ganama dubbise, hundi isaanii nageenya isaaniif jecha maqaansaanii akka eeramu hin barbaanne.
Dilbata sa'aa booda irraa eegalee haala jiru iyyaafachuuf namoonni kunneen bira deebisnee bilbillus tajaajila bilnbilaa addaan cituurraa argachuu hin dandeenye.
Magaalaa Qobboo fi naannawasheerraa yaada jiraattotaa argachuu baatus BBCn magaalaa handaara Qobbootti argamtu, Roobiit irraa nama dhimmicha itti dhiyeenyaan beeku dubbiseera.
Sambata darbe naannawa magaalaa Qobboo sagaleen dhukaasaa gurguddaan dhagahamaa akka ture jiraattoonni himanii turan. Gara sa'a boodaa ammoo waraanni hammaachuu himan.
Waraanni mootummaa federaalaa nageenyi lammiilee sababa walitti bu'iinsaa akka balaarra hin buuneef magaalaa Qobboo fi naannooshee gadhiisee ba'us, humnoonni Tigraay ammoo carraa kanatti fayyadamuun olaantummaa waan argataniif magaalattii to'ataniiru.
Jiraataan magaalaa Qobboo BBCn dubbisee ture akka jedhutti, ''Hidhattoonni TPLF Sambata akka lakkoofsa biyyaatti naannoo sa'atii 11tti gara magaalattii seenaniiru.''
Jiraataan kun dabaluun, ''magaalattii keessa akka kanaan duraa waraanni qindaa'aan hin turre,'' jedhe.
Magaalaa Qobboo keessa ibsaan waan dhibuurraa kan ka'e bilbila naannawa jenereetarri jiru qofatti hojjeta.
Amma ammoo kunuu waan hafeef garasitti bilbilanii odeeffannoo argachuun hin danda'amu.
Humnoonni Tigraay magaalattii keessa naanna'uun manarra deemanii sakatta'aa turuu kan himu jiraataan kun, ''mana tokko tokko wayita sakatta'an 'abshiraa! homaa isin hin goonu!' Miseensi raayyaa ittisaa dhokate yoo jiraate baasaa, hin ajjeesnu,'' jechaa turan jedhe.
Magaalattii keessa walitti dhukaasuu sa’atii tokko booda ‘’Raayyaan Ittisaa’’ bahe kan jedhan jiraataan Qoobboo, akkuma waraanni dhaabbateen humnoonni TPLF kan dhukaasaa galan gara naannoo sa’atii sagalii ture. Erga isaan galanii faarri jiru kan nama sodaachisu ture,’’ jechuun bilbilaan BBCtti himaniiru. Erga galanii booda, ‘’Faannoo bahi, Faannoo bahi’’ jechuun iyyaa turan. Sagalee dha dhagahaa turre. Suuta jennee kara Foddaas isaan ilaalla. Oliifi gadii wajagaa turan. Hiriiranii,’’ jechuu dha. Qophii ji’a tokkoo taasisaa akka turan himuun waan dabalataa bitanii keewwachuuf yeroo yaadaa turanitti waraanni jalqabuu ibsaniiru. ‘’Akka waraana bara darbee namni hin baane. Keesumaa haadholiin daa’ima qabatanii jooruun nu gaheera. Waan godhan nurratti haa godhan,’’ waan jedhu ibsaniiru. Haati fi daa’imni yeroo miiliquuf yaalanitti laga Ba’aalaawuhaa jedhamu yeroo ce’uuf jedhan lolaan nyaatamuu isaanii dubbataniiru. Riqichi laga kanaa sababa waraanichaan jijjigee ture, sibiila itti suphameen tajaajila kennaa turus, sababa roobaan deebi’ee caccabuusaa himaniiru. Kanaaf namoonni yeroo imalan keessaa galanii akka bahan himaniiru. Yeroo waraanichi jalqabu jiraattonni magaalichaa Qoobboo turan amma Waldiyaa akka turan BBCtti himaniiru. Yeroo waraanni jalqabu magaalaa ala akka turan himuun akka tasaa konkolaataa argatanii gara Waldiyaa deemuu isaanii himan. ‘’Namni hundi magaalattii gadhiisee bahu hin danda’u,’’ jechuunis yaadasaanii ibsu. ‘’Dargaggeessi barbaadamuufi sodaatu ni baha. Kan hafes jira. Dubartoonni fi warri humna hin qabne maal tahu? Akkamiinis bahu? Nama baayyeetu achi jira mee. Namni mootummaa abdatee achi taa’uu jira,’’ jechuunis himaniiru. Qoobboon magaalaa guddoo Kaaba Walloo Waldiyaa irraa km 50 qofa fagaatti. Finfinnee irraa immoo km 570 fagaatti.