Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jiraataan Finfinnee jaalallee isaa ibiddaan gubee du'aaf saaxile duuni itti murtaa'e
Jiraataa magaalaa Finfinnee waggaa darbe jaalallee isaa reebeefi saanitaayizarii itti firfirsuun ibiddaan gubee akka duutu taasise manni murtii du’a itti mure.
Shakkamaan himata itti dhihaate ofirraa ittisuu waan hin dandenyeef yakka jabaa raawwachuu isaatiin Manni Murtii Olaanaa Federaalaa murtee kana itti muruu Ministeerri Haqaa beeksiseera.
Maqaan yakkamaa kanaa Daagmaawwii Arraagaaw jedhama.
Jaalalleen isaa Sablee Nigusee jedhamtu ALI Sambata Mudde 30, 2014 barii keessa badii irratti raawwate.
Badii irratti raawwate kanaan rakkataa akka turte maatiin yeroos BBC’f himanii turan.
Sableen ibiddaan gubachuu qofa osoo hin taane, meeshaa qara qabuunis waraanamteetti.
Guyyoota muraasaaf hospitaala keessatti wal’aansi erga isheef taasifame booda midhami ibiddaan irra gahe infeekshinii uumee boodarra lubbuu ishee galaafatuu ibsameera.
Sababni Daagmaawwiin badii kana raawwate wal dhibdee isaan gidduu uumameen yoo ta’u yakkamaan badii kana hin raawwanne jedhee mana murtiitti himeera.
Haa ta’u malee, Abbaan Alangee raga namaafi sanadaa irratti dhiheesse.
Himannaa yakkaa irratti dhihaates ofirraa ittisuu dhabuu isaa Ministeerri Haqaa ibseera.
Sableen eenyudha?
Sablee Nugusee maatii isheetiif dhala afraffaa akka taate obboleessi ishee angafaa Yaa'iqoob Nugusee BBCtti himeera.
A L I Fulbaana 1976 kan dhalatte Sableen, Yunivarsiitii Dabuub duraaniirraa Biizinas Adiministireesiniitiin eebbifamtee dhaabbilee gara garaa keessa hojjechaa turteetti.
Hanga gaafa lubbuun ishee darbuutti Waajjira Muummee Hibirat Baank keessatti hojjechaa akka turte obboleessi ishee kun ni dubbata.
Sablee Nugusee A L I Mudde 30, 2014 Sambata halkan keessaa sa'aatii 9 hanga 10 ta'u gidduutti haleellan akka irratti raawwate yaadate obboleessi ishee Yaa'iqoob.
Hiriyyaa ishee dhiiraa waliin ka'umsi waldhabdee isaanii aduu dhiisisee dhufee balbala naaf banuu didde kan jedhu akka ture maatiin himu.
Jalqaba fuula ishee keessa furtuudhaan erga dhahee booda ammoo billaadhaan waraane jechuun hime.
Akka obboleessi ishee kana dura himetti, hiriyyaan ishee kun erga billaadhaan waraanee boodas qaama isheerratti saanitaayizarii firfirsuun ibidda itti qabsiisee ishee gube.