Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tik Tookaroonni qondaala mootumaatti qoosan uleedhaan al 20 akka reebaman murtaa’e
TiikTookaroonni Naayijeeriyaa lama miidiyaa hawaasaa irratti qondaalota mootummaatti qoosan adabbiin reebichaafi kutaa dhaddachaa akka qulqulleessan itti murtaa’e.
Mubaarak Isaa Mohmaammad fi Mohaammad Balaan Naayijeeriyaa Kaabaatti bulchaa Kaanoo Abdullaahii Gaanduujee maqaa balleessuun himataman.
Abukaatoon jara lameenii murtoo kana irratti gaaffii hin kaasnu jedheera.
Naayijeeriyaatti namoonni miidiyaa hawaasaa irratti baacoo fayyadamuun dhimma siyaasaa fi hawaasa irratti qeeqa kennan baay’achaa jiru.
Mubaarakii fi Muhaammad torbee darbee bulchaa naannoo kana lafa saamuu, malaammaltummaa fi hojii yeroon fixaan hin baasan jechuun itti qoosan.
Abbaan alangaa Waadaa Ahmad Waadaa, namoonni kunneen bulchaa maqaa balleessuu irra darbee gochaan isaanii nagaa uummataa jeequu danda’a ture jedhan.
Namoonni kunneenis balleessitoota akka tahan amanuun abbaan seeraa uleen al 20 akka reebaman, doolaara 20 akka kaffalaniifi kutaa dhaddachaa guyyoota 30f akka qulqulleessan irratti mure.
Kana malees miidiyaa hawaasaa irratti bulchaa Kaanuu, Gaandujee dhiifama akka gaafatanis itti himameera.
Abukaatoon namoota lameen kanaa Bashiir Yuusuuf, murtoo kana irratti gaaffii akka hin kaasne himan.
Sababaiinsaas murtoon kennamu kan hidhaa nama galchuu gatii hin taaneefi jedhan.
Naayijeeriyaatti lakkoofsi dargaggoota Tik Tok fayyadamanii baay’achaa dhufeera.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa kanaa baacoo motummaa qeequ viidiyoofi suuraalee fayyadamuun gadhiisan yoo tahu kanaan hordoftoota danuus horatu.
Bulchiinsa Kaanuu keessa uummanni garri caalu amantii Islaamaa kan hordofu yoo tahu, bulchiinsota Kaaba Naayijeeriyaa seera Shari’aan hogganaman keessaas tokko dha.
Seerri Shari’aa kuni seera biyyaa wajjin hojjeta, tahus seera Shari’aatiin Musliimota qofatu adabama.