Namummaa du'ee fi cabe: Gaazaa ija ogeessaan

Maxxanfame

Akeekkachiisa: Gabaasni kun qabiyyee miira keessan jeequ qaba.

Fuullisaa wanta ijaan arge himuu ykn agarsiisuu hin danda'u.

Reeffa daa'immanii gamoo jijjige jalaa harkisanii baasuu. Godoo xixiqqoo reeffa huccuu adiin marameen guutame. Gamoowwan haleelaawwan qilleensaan manca'an. Mahmuud Badaawii namummaa coolage, gubateefi cabe argeera.

''Haalota cimoo hedduutu jira'' kan jedhu namni kun ''akka konkolaachisaa ambulaansiitti wanta dhalatu hundatti of madaqsita. Kan cite harka, mataa ykn kuta qaamaa haata'uu...hundatti barreerra.''

Ambulaansiinsaa bakka haleelame tokkoo fiixee haleelame isa biraatti fiigaa oolti. Daandii dhiphoo gamoowwan gidduu baatu tokkorra ijoollee lama haleella qillensaan miidhaman kaasuuf dhaabate. Namni tokko harkatti mucaa akka malee madaa'e baatee itti dhufe.

Isa mucaa baatu kanaan namni deeggarsa yeroo balaa kennu tokko waamee, eeggannoon mucaa kana akka baatu yeroo itti himu ''Naasir mataansaa banaadha'' jedheen.

Mahmuud garuu tasgabbiisaa eeggate. Wanta argetti ijaa hin rifanneef osoo hin taane, wanti isarraa eegamu warra baraaramuu danda'an baraaruun waan irraa eegamuufi. BBC'tti wayita dubbatullee sagaleen misaayela dhohuu ni dhagaahama.

''Wanta hanga kanaa keessatti baayyee hin boqonnu. Haalichi baayye badaadha. Bakka boombiin rukutame adda baasnee warra miidhamee fi du'e bira gahuuf fiigna.''

Haala dhiyeessiin meeshaalee waldhaansaa irra jiru wayita gaafatamu Mahmuud akkas jedha: ''Hunduu dhumaa jira.''

Akka waajirri fayyaa Gaazaa Hamaas bulchu jedhutti, erga lolli kun eegalee Filisxeemonni 6,000 ol ta'an ajjeefamaniiru. Kana keessaa 40% kan ta'an daa'immani.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ammoo tokko sadaffaan dhaabbilee fayyaa jiranii miidhama irra gaheen ykn hanqina boba'aan cufamuutti jiru. UN kuufamni boba'aa dhaabbilee fayyaasaa waan dhumachaa jiruuf tajaajila fayyaa isa kama kennuu itti fufuu akka qaburratti filannoo ulfaataa fudhachuuf dirqamuu ibsa.

Israa'el bob'aan Gaazaa seenu harka Hamaas gala, ammayyuu boba'aan hedduun Hamaas dhokfame jira jechuun boba'aan akka hin galle dhorkiti.

Ulaa Gaazaa lafa xiqqaa uummatni hedduun keessa jiraatu kun halkaniifi guyyaan itti walfakkaateera. Waraanni halkaniifi guyyaa irratti gaggeefama.

Israa'el duula lafoof qophii gootuun Filisxeemonni Kaaba ulaa Gaazaa jiraatan miliyoona tokkoo ol ta'an gara Kibba Gaazaa akka godaanan ajajjeetti. Kaayyoonsaa Hamaasiin adda baastee haleeluuf ta'us, Kibba Gaazaa bakka uummatni kumaan lakkaawamu itti qubatettillee haleellaan raawwatameera.

Baqachuufi dhiisuu, gara itti baqatan, yoo baqatan bakka itti dahatan, guyyaafi halkan kamuu Gaazaa keessatti filannoowwan dhiphisoon kan guutamaniidha.

Kana jechuun ammoo hojjettootni yeroo balaa dadhabanii itti boqochuuf manni yaaddoo malee itti boqotan hin jiruu jechuudha.

''Maatii waliin wal-arguun baayyee ulfaata. Bilbillee nagaa ta'uu hubachuufillee tajaajilli badaa hin hojjetu.''

Yeroo dhiyu haleellaawwan boombii haaraatu raawwata. Mahmuud ammoo istireechara harka tokoon qabatee gamoowwan jijjiganiifi ambulaansiisaa gidduu dhaaabata. Miirrisaa dhokateera. Wanta ta'aa jiru kun miiraan ol waan ta'eef amma miirrisaa bir'annaa fi naasuu hedduu hin qabu. Ijjisaa fagoo ilaala. Wanta argaa jirutti ammoo gadda.