Manni murtii ijibbaataa hidhaa Obbo Taayyeerratti murtaa'ee ture itti cimse
Himannaa meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuun hidhaan waggaa afur Obbo Taayyeerratti murtaa'e ture dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa cimse.
Murteen kun dhaddacha guyyaa kaleessaa jechuunis, guyyaa Roobii, ooleen kan darbe ta'uu haati warraa Obbo Taayyee Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBCtti himaniiru.
Obbo Taayyee Danda'aan himannaa kanaan kana dura badii raawwatan jedhamanii Manni Murtii Federaalaa Itoophiyaa waggaa 7 itti muree ture.
Obbo Taayyeen fa'i Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Lidataatti ol iyyatanii turan.
Manni murtii waliigalaas waggaa afuritti isaanii gabaabsee ture. Isaan garuu, isumarraayyuu akka gabaabbatu fedhu.