Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Du'a Diyeegoo Maraadoonaan walqabatee hakiimonnisaa mana murtiitti dhiyaachuuf
Hakiimonni taphataa duraanii Diyeegoo Maraadoonaa saddet maal na dhibdeedhaan lubbuun isaa akka darbu godhaniiru jechuun himataman.
Gareen hakiimotaa qorannoo gaggeessan duuti isaa sababa hanqina yaala gahaa kennuu dhabuu fi hordoffii itti fufaa dhabuun mudate jedhan.
Kana hordofee abbaan seeraa qorannoon yakka mana keessatti raawwatuu hakiimota taphataa beekama adunyaa kanaa irratti akka gaggeeffamu ajaje.
Maraadoonaan bara 2020 ji’a sadaasaa keessa umurii wagga 60’n Arjentiinaa magaalaa Ayires Boones keessatti sababa dhukkuba onneen du’aan boqate.
Du’a isaa ji’a tokko dursee dhiigni sammuu isaa keessatti kantaruun tajaajilli baqaqsanii yaaluu taasifameefii ture.
Mana keessattis isa irraa osoo bayyaannachaa jiruuti tasa duuti isaa kan dhagahame.
Maraadoonaan du’ee guyyoota muraasa booda abbaan alangaa hakiimotaa fi narsoota isa kunuunsaa turan irratti qorannoon akka gaggeeffamu jedhe.
Bara darbe gareen ogeessotaa namoota 20 of keessaa qabu hundaa’uun haala du’a isaa qorataa turan.
Gareen kunis ‘’tajaajila yaalaa sirrii hin taane, maal na dhibdee fi hanqinoota mudataniin’’ akka lubbuun isaa darbe ibsuun qorannoo isaanii xumuran.
Dhumarrattis taphataan duraanii kun ‘’ buufata fayyaa gaariitti haala gaariin osoo yaalaa fi hordoffii gahaa tahe argatee jiraate carraa lubbuun oolu qaba ture’’ jedha himanni mana murti amma bane.
Namoota himanni irratti baname keessaa tokko hakiima baqaqsanii yaaluu sammuu [neurosurgeon ] fi hakiima dhuunfaa isaati.
Namoonni himanni irratti baname hakiimota lamaafi narsoota lama itti dhiyeenyaan yaalaa turan keessatti argamu.
Yakka ajjeechaa mana keessaa Kanaan yoo balleessaan irratti murame hidhaa waggaa saddetii hanga 25 tahuun adabamuu malu, akka seera yakkaa Arjentiinaan.
Guyyaan dhaddachatti dhiyaatan sichi kan murtaa’u taha.
Abukaatoon ijoollee Maraadoonaa Maariyoo Bodirii Rooyitarsitti akka himetti taphataan seenaa kubba miilaa adunyaa keessatti yaadatamu yeroo du’a isaatti nama isaaf gargaars akennu hin arganne jedhe.
‘’Akkuman du’a isaa argeen kun yakka ajjeecha mana keessaatin jedhe. Yeroo dheeraaf falmaan ture. Kunoo amma as geenyeerra,’’ jedhe.
Ji’a Sadaasaa bara 2020 keessa hakiimni isaa Dr Luukii jedhamu ibs amiidiyaaf kenne irratti boo’aa lubbuu isaa oolchuuf waanan danda’u hundaa godheera jedhe.
Maraadoonaan bara 1986 yeroo Arjentiinaan Waancaa Adunyaa mo’atte dursaa garee taphattootaa tahuun taphataa ture.
Tapha nuusa xumuraa irrattis Ingilaandi irratti galchii yeroo hundaa yaadatamtu ‘’harka waaqaa’’ jedhamtu lakkoofsiseera.
Bara 1991 qorannoo taasifameen dhiiga isaa keessatti qoricha human namaa kennu fayyadamuun kubba irraa ji’oota 15 tahaniif adabame.
Maraadoonaan araada kookeeniin hedduu rakkataa tureera.