Deevid Mooyes ana caalaa hojii ajaa'ibaa hojjetaa jira- Ruuben Amoorim

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Maanchister Yuunaayitid keessatti waan furmaata tahu caalaa rakkoo baay'eetu sitti mul'ata. Hojiin amma ani qabadhee jiru kun hedduu ulfaatadha.

Kun dubbii leenjisaa maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorimidha. Har'a Everteen waliin taphatu. Deevid Mooyes gara Eveteenitti erga deebi'ee kilebicha taphoota haja irraa qabxii 13 argateera.

Ruuben Amoorim, Moyes erga gara Everteenitti deebi'ee kilebichi qabxii argataa jira.

Ati gara Maanchister Yuunaayitid erga dhuftee kilebichi waan fooyya'e hin qabu.

Maaliif jedhamee gaafatame.

Amooriim, kun salphaadha. Kana jechuun Deevid Mooyes ana caalaa hojii gaarii hojjeteera jechuudha'' jechuun deebise.

Amoorim har'as akka waan gaara guddaa bahuutti itti ulfaachuu hin hafu.

Abdullaayi Dokooree adabbii tapha tokkoo booda har'a ni taphata. Maanchister Yuunaayitid ammoo miidhama taphattootaan rakkataa jiru.

Koobii Maayinuu, Maartineez fi Amaad Diyaaloo taphattota murteessoo Amoorim dhabe keessaati.

Oduu gaariin tokko Leenii Yooroo, Kiristiyaan Eriksenii fi Manu'eel Ugaartee deebi'aniiru.

Akkasumas Everteen taphattoota saddet miidhamaan dhabeera. Akkasis tahee garuu taphattoonni qabu Maan. Yuunaayitiditti qormaata tahuun isaanii hin hafu.

Everteen qabxiidhaan maanchister caalee yeroo walitti dhufu erga bara 2014 as kun yeroo jalqabaafi.

Garuu taphoota shan darban irratti Everteen galchii tokkoyyuu Maan Yuunaayitid irratti lakkoofsisee hin beeku.

Arsenaal darbii Landaniin West Haam waliin morkata.

Mikeel Meeriinoo akka taphataa sarara duraatti hiriira jedhamee eegama. Bukaayoo Saakaa, Maartineelii fi Yesus miidhamarraa hin deebine.

West Haam Lukaas Paakeetaa, Saamerviilii fi Fuulkiruug miidhamaan dhabeera.

Morkii waancaa Piriimer Liigii isa duraa caalaa ho'aa jira. Liiverpuul qabxii gatuun isaa Arsenaaliif karra saaqaa jira.

Paawondii biliyoona 1.5 baasuun taphattoota hedduu kan mallattesise Cheelsiin akka jalqaba irratti qabxii argataa ture miti.

Aston Viilaa waliin har'a falmata. Eenzoo Maareshkaa taphattoota, hojjettoota nyaata bilcheessani fi hakiimota waliin marii taasisuun jabaatanii galma tokkoof hojjechuu akka qaban mari'achuu himan.

Jaaksan miidhamarra jira.

Liiverpuul Maanchister Siitii waliin Itihaad irratti morkata. Maanchister Siitiin dhiibbaa waancaa injifachuu caalaa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf morkata.

Liiverpuul Arsenaal irraa fagaachuuf morkii jabaa taasisa. Dilbata boruu tapha eegamu irratti Mohaammad Saalaa gahumsa addaa irra kan jiru Liiverpuuliin kufaatiirraa oolchaa?

Bara kana Liiverpuul galchii Mohaammad Saalaadhaan qofa bara kana qabxii 31 argateera.

Nuunez haamileen isaa cabeera. Haalaandi miidhamaan Riyaal maadirid waliin taasisan irraa hafeera.

Barnimooz rakkoo keessa kan jiru Saawuzhampitan waliin morkata.