Muddama Yunaayitid, taphoonni hafan morkii Liivarpuul fi Arsenaal maal himu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yunaayitiidif hin taane. Osoo fooyya'a jedhuu gaduma deemaa jira. Eega leenjisaan haaraa Ruuban Amoorim gara Old Tiraaford dhufaniimmoo yeroo saddeettaffaaf mo'ame.

Kuni egaa tapha 12 keessaati. Erga Totanhaamiin dirreen ala 1fi 0 mo'aman booda leenjisaan Yunaayitid hojiin kiyya ''baay'ee cima'' jechuun dubbatan.

Leenjisaan lammii Poorchugaal garuu qormaata keessa jiru. Taphattoonni isaanii 12 miidhamaniiru.

Kanatti tapha Tootanhaam irratti taphattoota dargaggoo hiriirsan.

''Ani rakkoo baay'een qaba,'' jechuun Sky Sports'f himan. ''Hojiin kiyya cimaadha garuu hojiikoo ittan fufa,'' jechuun torban itti aanu mo'uf akka dalagan dubbatan.

Gareen isaanii laafina mul'isuus hanga daqiiqaa xumuraarratti taphataa ganna 17 Chidoo Obii seensisanitti jijjiiramayyuu hin taasifne.

Taphattoonni kaan jijjjiiranii galchuu danda'an teessumarra turani. Garuu, sababa hin galchineef tapha booda dubbatani.

Pirimeer Liigiin ''addunyaa keessa dorgommii isa cimaadha,'' jechuun BBC Sport'tti dubbatan.

''Garichi galchii galchuuf sosso'aa turan, isammoo jijjiiruu hin feene. Garuu, ni taphatu.

''Taphattoota kiyya gargaaruufan as jira. Haala keessan jiru nan hubadha, hojiikoottis amanamummaa nan qaba. Tapha mo'achuufan barbaada.

Dabaluunis, ''ani waa'ee koo hin dhiphadhu'' jechuunis himan.

'Jijjiiramni hin jiru'

Maanchistar Yunaayitid Erik Ten Haag gaggeessuun Ruuban Amoorim fiduus wanti jijjiirame waan jiru hin fakkaatu.

Ittisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid Gaarii Neevil erga Amoorim Sadaasa keessa dhufan booda wanti jijjiirame jira jechuun nama dhiba jedha.

''Kilabichi obsuu qaba. Ani garuu ga'umsi akka cimu arguun barbaada,'' jechuun Sky Sports'tti hime.

''Wanti Amoorim nama gammachiisu ibsa miidiyaaleef kennudha. Kuni garee Yinaayitid baay'ee laafaadha.''

Utubaan duraanii Tootanhaam Jeemi Rednaap gama isaan '' Hanqina taphattoota ciccimoo qabu, kuni yeroo fi obsa cimaa barbaada'' jechuun dubbate.

Haa ta'u malee, ''yoo deeggaraa Maanchistar Yunaayitid taate kana ilaaluun baay'ee cima,'' jechuun muddama deeggartoonni keessa jiran dubbate.

Saalah maaltu dhaaba?

Jifataan Liivarpuul Moo Saalah galchii galchuu itti fufeera.

Liivarpuul dirree ofiirratti Woolvis morkatee 2fi 1'n mo'achuun dursaa liigichaa cimseera.

Galchiiwwan immoo Luuwis Diyaaz akkasumas penaalitiin immoo Mohaammad Saalaatu galche.

Jifataan Masrii leenjisaan isaa adabbiin dirree keessa akka durii garee gorsuu baatanis abdii kilabichaa ta'ee itti fufeera.

Saalah taphoota afur darban keessaa galchii shan galche.

Yeroo galchii qixxeessituu galche Anfiilditti yaaddootu ture. Ta'us jarri Woolvis irra aanuu hin dandeenye.

Taphoota eegaman

Pirimeer Liigiin Ingilizii torban 25ffaarra gaheera.

Liivarpuul qabxii 60'n dursa, Arsenaal 53'n itti aana, Foorast 47'n sadaffaadha.

Liivarpuul guyyaa Roobii dirreen ala Astoon Viilaa morkata. Achiimmoo Maanchistar Siitii morkata.

Itti aanuun Niiwkaasil, Saawuzaampitan, Evartan, Fulihaam, West Haam, Leestar, Tootanhaam, Chelsii, Arsenaal, Biraayitaniifi Paalaas waliin taphata.

Guyyaa Sambataa Leestariin 2fi 0'n kan mo'ate Arsenaal, torban kana West Haam waliin tapha qaba.

Achii Foorast, Maanchistar Yunaayitid, Chelsii, Fulihaam, Evartan, Bireentiford fa'i morkata.

Gara torban xumuraa immoo Ipiswiich, Paalaas, Barnimaawuz, Liivarpuul, Niwkaasil, fi Saawuzaampitan waliin taphata.

Eenyutu waancaa liigichaa kaasuuf carraa qaba jettu?

Oduuwwan ispoortii biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.