Labsiin qabiyyee lafaarraa namoota kaasuufi kaffaltii beenyaa maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, FBC
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee 34ffaa irratti akkaataa namoota qabiyyee lafaarraa kaasuu, kaffaltii beenyaa fi kanneen kaafaman qubachiisuu irratti wixinee labsii dhihaate raggaasiseera.
Wixineen labsii dhimma lafaa haarofti kun Waxabajjii 25, 2024 sagalee caalmaan kan raggaasifame yoo ta'u, sagaleen mormii afuriifi callisi ja'a isa mudateera.
Labsiin kun qaamoleen [namoonni] qabiyyeen lafaa harkasaanii jiru akka gadhiisan wayita taasifamanitti beenyaa ga'aafi deeggarsa barbaachisaa kennuuf sirna dandeessisu diriirseera.
Beenyaa kaffaluufi kanneen qabiyyeen lafasaanii gadhiisan deebisanii qubsiisuuf qaamni aangoo qabu labsii kana keessatti ibsameera.
Labsii haaraan kun hojii daangaan walqabatee jiru salphisuun qabiyyee lafaa yookiin qabeenyaan walqabatee dhiibbaa fi rakkoo mudataa ture akka furu ibsameera.
Akkaataa labsii kanaan hojiin beenyaa kaffaluu naannolee fi bulchiinsota magaalotaaf kennameera.
Labsiin kun maal of keessatti qabateera?
Amma Paarlaamaan Itoophiyaa dhimma namoota qabiyyee [lafaa] irraa kaasuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen kaafaman deebisanii qubsiisuu irratti labsii waggaa shan dura ba'e fooyyessuun labsii haaraa baaseera.
Kanaan dura qabiyyeewwan lafaa misoomaa fi tajaajila uummataaf barbaadaman wayita abbaa qabiyyee gadhiisisan beenyaa kan kaffalu mootummaa federaalaati. Akkaataa labsii haaraa kanaan hojiin beenyaa kaffaluu kan naannolee fi bulchiinsota magaalaa ta'eera.
Labsiin kun raggaasifamuu dura miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee isaarratti mari'ataa turan ''naannoleen humna kaasaa kaffaluu qabaachuu irratti sodaa qaban'' kaasuun mari'ataniiru.
Faayidaa uummataaf jecha qabiyyee lafaa gadhiisisuu, beenyaa kaffaluu fi kanneen qabiyyeesaaniirraa ka'an deebisanii ijaaruu ilaalchisuun labsii kanaan dura ture fooyyessuun wixineen labsii haaraan mana maree bakka bu'ootaan kan raggaasifame Kibxata kaleessaa ture.
End of https://bbc.com.im/afaanoromoo/articles/c2llydz5pz9o%3C/p%3E%3C/div%3E%3C/section%3E%3Cdiv dir="ltr" data-e2e="podcast-promo" class="css-13c4x68 emizsvy0">
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Labsii haaraan kun kan waggaa shan dura ba'ee hojiirra oolaa jiru irratti keewwatoota ijoo sadi dabaluun fooyyesseera.
Labsii duraan ture fooyyessuun maaliif akka barbaachiseefi keewwattoota fooyyeffaman irratti ibsa kan kennan mana marechaatti bakka bu'aan mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigee kan kanaan duraa raawwii hojii fi itti fayyadama yeroo irratti dhiibbaa uumeera jedhan.
''Kanneen misoomaaf jedhamuun kaafamaniif beenyaan karaa jaarmiyaa misoomaawwan bu'uuraa ijaaruun kaffalamaa ture. Kana malees jaarmiyaan kun hojii daangaa kabachiisuu fi pirojektoota misooma bu'uuraa ijaaruu dabalatee hojiiwwan hojjetuun dhiibbaa jala galeera, as keessatti qisaasamni yeroos ni mudata.''
Kanaaf lafti gadhiisifame misoomaawwan bu'uuraa fi tajaajila uummataaf kan oolu yoo ta'e, hojiin qabeenya tilmaamuu, kaffaluu fi abbaa qabiyyee lafarraa kaasuu naannolee yookiin bulchiinsota magaalaatti darbeera jedha ibsi qondaala kanaa.
Kaffalatiin kun beenyaa tilmaama qabeenyaan kaffalamu, deeggarsa diinagdee namoota kaafamaniif taasifamu akkasumas sababa kanaan hariiroon hawaasaa yoo miidhame xiinsammuu namootaa kunuunsuuf beenyaa kaffalamufaa of keessatti hammateera.
Abdii fi yaaddoo labsii kanaa
Miseensonni mana maree bakka bu'ootaa wayita wixinee labsii kanarratti mari'atan gaaffii yaaddoo of keessaa qabu kaasaniiru.
Labsiin kun kaffaltii beenyaan walqabatee barfannaa yeroo kan furu ta'uu kan kaasan minseensi paarlaamaa Obbo Fiqiruu Worquu, ''naannoleen haaraa hundaa'an hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluu wayita dadhabanitti hojii guddaa akkasii naannoleerratti fe'uun haga milkaa'a?'' jechuun gaafatan.
Miseensi biraa Obbo Fireew Tasfaayee jedhaman ammoo ''haala amma jiruun aanaaleen dandeettiin beenyaa kaffaluu isaanii akkaan daangeffamaadha,'' jechuun milkaa'ina labsii kanaarratti yaaddoo qaban ibsan.
Miseensi paarlaamaa kun dabaluun ''akka yaada kootti kaffaltiin beenyaa dirqama waloo osoo ta'ee. Gama kanaan mootummoonni federaalaa fi naannolee osoo waltumsanii hojjetanii yaada jedhun qaba,'' jedhan.
Miseensi paarlaamaa biraan Wondiwasan Admaasee jedhaman akkuma Obbo Fireew ''labsiin fooyya'e kan mootummoonni federaalaa fi naannolee waliin ta'uun raawwatan ta'uu qaba malee itti gaafatamummaa guutuu naannoleef kennuun rakkoodha,'' jedhan.
Naannolee hedduun hojjettoota mootummaaf mindaa kaffaluuyyuu hin dandeenye kan jedhan Obbo Wondiwasan ''naannoo mindaa hojjettootaa kaffaluu hin dandeenyeen beenyaa kaffali yoo jenne labsii kan duraas ta'e kan fooyya'ee ba'e osoo hin milkeessin gidduutti rarraanee hafuu keenya,'' jedhan.
Dubartiin miseensa paarlaamaa taate tokko ammoo akkas jette: ''hojiiwwan labsii duraa jalatti hojjetamaa turanii fi ammallee hin xumuramin akkasumas gaaffilee beenyaa hanga yoonaa hin deebi'in jiran akkaataa deebisuu danda'uun fooyya'uu qaba,'' jedhan.












