Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalli TPLF duraanii Obbo Sibhaat Naggaa yaala dhorkamuun isaanii sirrii miti jedhe manni murtii
Qondaalli TPLF duraanii biyya alaa deemee yaala akka hin arganne poolisii federaalaan dhorkamuun isaanii sirrii akka hin taane manni murtii hime.
Ji'a Hagayyaatii jalqabee biyya alaa deemee akka hin yaalamneef poolisiin federaalaa dhorkaa irra kaa'uu kan himatan Obbo Sibhaat manni murtii dhaddacha giddu galeessaa ramaddii Lidataa dhimmicha qorataa ture murtee dabarse.
Manni murtii dhaddacha Mudde 7, 2022 oolen dhorkaan poolisiin federaalaa Obbo Sibhaat Naggaarra kaa'e sirrii akka hin taane murteessuu isaa abukaatoo Obbo Sibhaat kan ta'an Obbo Taaddalaa Gabra Madiin BBCtti himan.
"Hagayya 15 waldhaansaaf gara Keeniyaa deemuuf waan isaan barbaachisu qopheeffatanii immigireeshiniin isaan deebise. Poolisiin federaalaa akka hin baane jedhee na ajajeera jedhe.
Kana qabannee dhimmicha karaa nagaan fixuuf qaama dhimmi ilaallatu hunda dubbisnee isaan fedha dhabnaan poolisii federaalaa, ministeera haqaa fi immigireeshinii irratti himata banne," jedhan Obbo Taaddalaan.
Ministeerri Haqaa Obbo Sibhaat irra dhorkaa deemsaa akka hin keenye waakkachuu kan himan Obbo Taaddalaan, dhorkaa kana kan kaa'e Poolisii federaalatti Biiroo Qorannoo Yakkaa akka ta'e ibsan.
Biirichi maalif dhorkaa kana akka kaa'e ibsee akka hin turres dubbatu.
"Murteen kenname Obbo Sibhaat gara alaa deemanii akka waldhaansa fayyaa hin arganne dhorkuun sirrii miti kan jedhuudha.
Itiyoophiyaan seerota idila addunyaa fudhatte cabsuu ishee murtee agarsiisudha," jedhan abukaaton seeraa kun.
Haa ta'u malee dhibeen Obbo Sibhaat Nagaa maal akka ta'e dubbachuu irraa of qusataniiru Obbo Taaddalaan.
"Waldhaansa hatattamaatu isaan barbaachisa. Boordin waldhaansa fi Obbo Sibhaat irraa akkan mirkaneeffadhetti waldhaansi kan taasifamuuf Naayiroobitti; inni ilaalamee garamitti akka ergamu hin beeknu.
Kanaaf biyya keessatti haalli itti waldhaansa hordofan hin jiru. Ammas taanaan waldhaansa hordofaa hin jiran," jedhan abukaaton isaanii Obbo Taaddalaan.