Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Injifachuu baannaan, liigicha hin injifannu'- Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaariyoolaa tapha murteessaa gareensaa galgala kana Tootenhaam waliin godhu dursee ibsa miidiyaaleef kenneen taphichi hammam takka murteessaa akka ta'e dubbate.
Tapha kana injifachuun alatti qabxiin argatan kan biraan hiree walitti aansuun yeroo arfaffaaf shaampiyoonaa Ingiliiz ta'uun seenaa dalaguuf qaban akka sakaalu dubbate.
Siitiin tapha murteessaa dirreessaan alatti godhu kanatti kan dhufu taphoota walitti aanan torba mo'achuuni. Erga Mudde darbeetii tapha liigiichaan takkaa injifatamee hin beeku.
Ispaars ammoo torbee darbe Barnileey mo'achuu dura taphoota afur irratti injifatameera.
''Yaadni keenya ifa. Sababnisaas hin moonu yoo ta'e, piriimiyeer liigii hin injifannu'' jedhe Gaardiyoolaan.
''Filannoon keenya tokko qofa. Kanumaaf garas imalla'' jedhe.
Siitiin barri dorgommii raawwachuutti wayita dhiyaatu qabxii walitti qabachuun amalasaa ta'aa dhufeera. Bara 2018 eegalee hanga bara dheengaddaatti miilkaa'inni argate liigicha dursaa bahuun osoo hin taane gara dhumaatti irra aanuudhaani.
Bara 2018/19 fi bara 2020/21 wayita shaampiyoonaa ta'an Liivarpuul waliin hanga tapha guyyaa xumuraatti kokkee walqabuun ture.
Gaardiyoolaan ''duraan Liivarpuul waliin akkatti morkachaa turrerraa mo'achuu qabna, mo'achuu, mo'achuu, mo'achuu ykn dhuma dubbii ta'a jedheen yaada'' jedhe.
Gahumsa Arsenaal agarsiisaa jiru kan dinqisiifatu Gaardiyoolaan ''hireen harka keenya jira taanaan garuu itti fayyadamna'' jedhe.
''Arsenaaliin mo'uun ni ulfaata yaada jedhutu natti dhagaahama, sababnisaas sarara hundarratti waan gaarii hojjetaniiru. Kanaaf mo'achuun ni cima. hireen isaan mo'achuu nu harka taanaan, itti fayyadamuu qabna.''
Gaardiyoolaan milkaahinni gareessaa sababa maallaqaan dhufe jedhamuu busheessseera.
Osoo milkaahinni argannee sababa maallaaqaan dhufe ta'ee, Maanchister Yunaayitidiifi Chelsiin morkattoota Siitiifi Arsenaal ta'u turan jedhe.
Milkaahina isaanii ''nuffisiisaa ta'e'' jedhamuuf maallaqani sababa osoo ta'ee garichi sadarkaa kanarra akka hin geenye dubbate.
''Isaaf osoo ta'e Maanchister Yunaayitiid waancaa hunda injifachuu qaba ture. Cheelsiin waancaa hunda, Arsenaal waancaa hunda. Waggoota shanan darban hammuma keenyaa baasaan. Achi gahuutu irra ture. Achi hin geenye.''
Miirri waancaa walitti aansanii injifachuu tibba dorgommichi jalqabu jiraachuu baatus yeroo keessa miirri sun kakaa fi dabalaa adeemaa jedhe.
Ilaalcha injifannoon Siitii nuffisiisaa ta'e jedhuuf deebii kenneen ''nuffisiisaa miti. ulfaataadha malee'' jedhe.