Piriimer Liigii Chelsii vs Arsenaal, Liiverpuul vs Tootenhaam walitti fiduun eenyutu eenyuun moa'ata?

Maxxanfame

Tapha Piriimer Liigii dhum-torbee kanaatiin dorgommiiwwan hawwataman ni gaggeeffamu. Isaan keessaas kan Chelsiin Arsenaal waliin, Liiverpuul Tootenhaam waliin taasisan akkaan eegamu.

Bara kana ogeessi BBC eenyu akka eenyuun mo'atu tilmaamu Kiriis Saatan hedduu milkaa'aa hin jiru. Bu'aawwan tapha baayyee akka inni tilmaameen ala, yeroo tokko tokko ammoo faallaa ta'ee argama.

Fakkeenyaaf, tapha Liids Barnimaawoz bor taphatu tilmaamuun isatti ulfaateera.

Bu'aan isaa kan fedhes ta'e taphoota guyyoota itti aanan lamaan taphataman eenyu, goolii meeqaan akka mo'u tilmaama isaa kaa'eera.

Isin ammoo kan isaa ilaalaatii tilmaama keessa kaawwadhaa of ilaalaa.

Liids vs Barnimaawoz

"Deeggartoonni Liids fi Barnimaawoz tilmaama ani kennuun gammadoo miti," kan jedhu Saataan kan miilanaa kana garuu cimina isaanii torban dabee dhimmee ilaaluun akka tilmaamu hima.

Torban darbe Liids Liiverpuuliin 6-1 mo'amu jedhee tilmaamee ture. Garuu dubbiin faallaa taatee warri Liids Liiverpuul dirree isaa Anfiild deeggartoota isaa duratti 2-1 mo'atanii galan. Goolii lakkoofsisanii mo'achuu qofa osoo hin taane tapha irrattis cimina gaarii agarsiisanii ture.

Saatan Barnimaawoz torban darbe Tootenhaamiin 2-0 dursuu danda'ee turullee dhuma irratti garuu 3-2 mo'amuu isaanii yaadachuun tapha boruu kanaan ammoo Liids akka mo'atu kaa'eera.

Tilmaamaa: 2 - 1

Maanchester Siitii vs Fuulhaam

Maanchester Siitiin taphataa isaa sarara fuula duraa Eerling Halaand sababa miidhamaatiin taphoota lamaan darban osoo hin hiriirsiin hafeera. Ta'us garuu Halaand jiraates jiraachuu baates Siitiin wanti mo'achuu isaan dhorku hin jiru jedha Saatan.

Warri Fuulham tarii goolii lakkoofsisuuf yaaluu danda'u garuu karra warra Siitiin kan eegu Endersan waan ta'eef isaan rakkisa jedha ogeessi kubbaa miilaa kun.

Tilmaama: 3 – 0

Forest vs Bireentifoord

Nootingihaam Forest torban darbe Arsenaaliin 5-0 mo'amuun booda leenjisaan garee kanaa Istiiv Kuuppar dandeettii dorgomaa ta'uu garee isaa kanarratti gaaffii kaaseera.

Forest osoo Arsenaal waliin hin taphatiin dura Liiverpuuliin dirree isaarratti mo'atee ture.

Dirree isaaniirratti Bireentifoord ni mo'atu jedhee akkan hin tilmaamne torban darbe Arsenaal garaa garummaa goolii baayyee akkasiin isaan mo'achuun isaa akkan shakku na taasiseera jedha.

Warri Bireentifoord ammoo bara kana dirree isaaniitiin ala mo'atanii hin beekan. Kanaaf, kilaboonni kunneen qabxii wal qixata ta'een adda bahu.

Tilmaama: 1 -1

Wolvis vs Biraayitan

Torban darbe Wolvis Bireentifoord waliin qabxii tokko qabatee ba'uudhaaf baayyee qabsaa'e. Wolvis sadarkaa dhumaa irratti argamus akka gareetti ciminni qaban laafeera jedhee hin yaadu.

Maqaa isaa 'aartuu' jedhuun kan beekamu Diyaagoo Kostaa kaardii diimaatiin ba'uun isaatiin waan miidhamaniif kun warra Biraayitaniif carraa gaariidha jedheen tilmaama.

Tilmaama: 0 - 1

Everten vs Leester Siitii

Leester Siitiin amma sadarkaa gadiirra jira garuu fooyya'insas agarsiisaammoo jira. Torban darbe mo'amanillee Shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Maanchester Siitii hedduu dhiphisaniiru.

Ta'us garuu Everten dirree isaarratti ni mo'ata jedheen tilmaama. Everten torbanoota muraasa dura Kiristaan Plaasiin akkuma mo'atan injifannoo kana Gudisan Paarkittis ni dabalu jedheen eega.

Tilmaama: 2 - 1

Chelsii vs Arsenaal

Bara darbe keessa Arsenaal gara dirree Chelsii Istaanfoord Biriij deemee si'a lama mo'ateera. Si'a sadii walitti aansanii mo'atu jedhee garuu ni mo'atu jedhee hin yaadu.

Arsenaal mo'achuun isaa Bukaayyoo Saakaa dirreetti deebiyuu isaarratti hundaa'a. Erga Girhaam Pooter gara Chelsii dhufanii as fooyya'insa agarsiisaa jiru.

Torban darbe osoo hin eegamiin Biraayitaniin mo'amanillee amma Arsenaaliin ni mo'atamu jedhee hin tilmaamamu.

Tilmaama: 1-1

Aston Viilaa vs Maanchester Yunaayitd

Maanchester Yunaayitid dirree isaatiin ala ni mo'ata jedheen yaada. Eriik Ten Haag garee cimaa ijaaraa jira jedheen yaada. Viilaan torban darbe Niiwu Kasiliin mo'ameera. Torbana kana leenjisaa duraanii Arsenaal Unaayee Emiriin qacaratus Maan Yunaayitidiin mo'amuun isaa hin oolu.

Tilmaama: 0 - 1

Saawozhaampitan vs Niiwukasil

Eed Hawu Niiwukasil keessatti wanti gochaa jiru baayyee kan jaallatamudha. Gareen kun yeroo ittisanis cimoodha. Jifataan isaanii ga'umsa guddaa agarsiisaa jiru Kaalem Wilsan garee biyyaalessaa Ingilaand waliin waancaa kubbaa miilaaf gara Qaataa deemuu qaba jedheen yaadayyu.

Warri Saawozhampitan garuu dandeettii dhaabbataa ta'e agarsiisaa hin jiran. Kana yeroo hndan hima, takka ba'anii takkaa ka'u.

Fakkeenyaaf, tapha Arsenaal waliin taphatan irratti gara jalqabaa caalamanii turan. Gahumsa Saawozhampitan tilmaamuun rakkisaadha.

Niiwukasil Yunaayitd garuu cimina gaariirratti argamu. Kanaaf, Niiwukasil dirree isaarratti deemee mo'atee gala.

Tilmaama: 0 – 2

West Haam vs Kiristaal Paalaas

Taphni bara kanaa erga jalqabee kaasee kilabiin dirree ofiitiin ala hin mo'atiin jiru Kiristaal Paalaasidha.

Paatiriik Veeraan gara warra West Haam deemee rikkardii kana ni foyyeessa jedhee hin eegu.

West Haam taphda Maanchester Yunaayitid waliin taphataniin osoo qabxii hin qooddatiin ba'uun isaanii carraa hin qaban nama jechisiisa.

West Haam taphaoota 6 dirree isaanii Landan keessatti argamurratti taasisan mara mo'ataniiru.

Tilmaama: 2 – 1

Tootenhaam vs Liiverpuul

Hiyuug-Miin miidhamuun warra Tootenhaamiif balaadha.

Jifattoonni biroon biraa akka Richaalisan fi Kuluseviksii ammoo miidhamaan akka hin hiriirre dagachuu hin qabnu.

Deeggartoota Tootenhaam wanti gammachiisu ani tapha kana Liiverpuul ni mo'ata jedhee tilmaamuukooti.

Sababiin isaa ammoo yeroo hedduu Liiverpuul ni mo'ata jedhee yoo ani tilmaame bu'aan isaa faallaa waan ta'uuifha.

Liiverpuul Chaampiyoons Liigii irratti gahumsa gaarii agarsiisaa Piriimer Liigii irratti garuu mo'amaa jira. Liidsiifi Nootinghaam Forestiin mo'amuun isaa ni yaadatama.

Tootenhaam ammoo Saan jiraates jiraachuu baatus dursa lakkoofsisanillee hanga dhumaatti mo'achuudhaaf wanti carraaqan hin jiru. Kanaaf, tapha kanaan Liiverpuul ni mo'ata jedheen tilmaama, garuu faallaa isaas ta'uu danda'a.

Tilmaama: 1 – 2