Giiftiin bareedinaa Ameerikaa fayyaa saammuuf jecha gonfooshee deebiste

Madda suuraa, Paul Archuleta
Giiftiin bareedinaa Ameerikaa Nooweliyaa Vooyit sababa fayyaa sammuun gonfoo ishee deebiste
Aadde Vooyit wal-dorgommii bareedinaa waggaa darbe Fulbaanatti kan mo'atte yoo tahu murtoo ''ofiiifi, fayyaa sammuu ofiif wayyu'' fudhchuu himte.
''Fayyaa sammuu fi qaamaa tasumaa waan biraatti geeddaruu hin qabdu,'' jechuun miidiyaa Hawaasaa Inistaagiraamii ishee irratti ''fayyaan keenya qabeenya keenya,'' jechuun barreessite.
Dhaabbanni Miss USA murtoo ishee deeggaruun nama ishee itti aantutti itti gaafatamummaa dabarsuu beeksiseera.
Shamarreen ganna 24 lammii Ameerikaa fi Venzuweelaa taate jiraattuu magaalaa Utaah, boqonnaa jireenyaa haaraa jalqabuutiinis,''namoota kaana biroo nan oonnachiisa,'' jettee yaaddi.
''Fayyaa sammuu keef dursa kenni, sagalee kee fayyadamuu ofiifi kaaniif dhaabadhu, waan egereen kee fidee dhufu hin sodaatiin, yoo itti amanuu baatteyyuu,'' jetti.
Giiftii Ameerikaa tahuun ji'a sagaliif tajaajiluun waltajjii argate ''jijjiirama fiduufi abjuu koo dhugoomsuu akkasumas namoota addunyaa mara irraa argachuuf fayyadamuu koof galata qaba,'' jette.
Giiftiin USA kuni, ''kanneen gonfoo kana qabaniif fayyaan sammuu dhimma dursi kennamuufi dha,'' jette.
Dhaabbatichi ''itti gaafatamashee shamarree itti-aantutti dabarsuuf,'' dhimmicha ilaalaa ture jedhe.
Shamarreen Savaanaa Gaankiweez dha Haawaayiirraa dorgommii bareedinaa kanaan lammaffaa kan bahee ture.















