Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ergamaan addaa Tiraamp Hoggana Haamaasiin wal argee Gaazaarratti dubbate
Ergamaan Addaa Tiraamp Baha Jiddugaleessaa Jaareed Kushnar Israa'el kan seene yoo ta'u, Wixata Ministira Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu waliin wal argu jedhamee eegama.
Kunis Kushnar hoggana Haamaas waliin akkaataa karoora nagaa Gaazaa US deeggartu hojiirra oolchuun danda'amurratti dubbachuu booda.
Ji'a darbe, Boordiin Nagaa Tiraamp Haamaasii fi gareen hidhatan kaan "guutuutti hidhannoo akka hiikkatan" waliigalteerra gahamuu ibseera.
Torbee darbe, Israa'el karoora nagaa Tiraamp abbaa qabxii-15, kan humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa akka bahanii fi bulchiinsa haaraa Filisxeem jalatti deebisanii ijaaruu hammate fudhatama dhorkitee turte.
Biyyoonni musliimaa saddeet ibsa baasaniin ejjennoo Israa'el kana balaaleffatan.
Traamp Boordii Nagaa Gaazaa ni hoggana - boordicha immoo dhaabbata idil-addunyaa Gaazaatti nagaa buusu godhee hundeesse-boodarra garuu walitti bu'iinsawwan addunyaa kaanis akka hammatu jedhameera.
Aangawaan Filisxeem BBC'tti akka himetti soddaa Tiraamp kan ta'e Jaared Kushner Dilbata hoggana Haamaas haaraa Kaaliil al-Hayyaa waliin Masriitti wal argeera.
Wal argaan Kushnerii fi hoggana Haamaas kun sadarkaa kanatti erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa as kan jalqabaati jedhameera.
Kushnar Ministira Muummee Israa'el waliin wal arga jedhamee eegama.
Akkaataa gabaasaaleen agarsiisanitti, ergamtoonni addaa Boordii Nagaa Nikolaay Milaadenoovii fi Ministirri Muummee duraanii UK Toonii Bileeyar, bakka bu'oota biyyoota adeemsa nagaa keessatti hirmaachaa jiranii: Masrii, Kaataarii fi Tarkii waliin walgahii sanarratti hirmaataniiru.
Hanga yoonaa waayee marii kanaa ibsi kenname hin jiru. Mariin kun waayee hidhannoo hiikkachuu Haamaas fi loltoota Israa'el Gaazaa keessaa baasuu akkasumas gargaarsa namoomaati jedhameera.
Kushnar pirezdantii Masrii waliinis wal argeera. Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti Kushnar, Milaadeenoov fi Bilaayer Wixata Neetaniyaahuu waliinis wal argu. Kaayoon marii isaanii karoora nagaa Tiraamp cimsuu dha.
Ministirri Muummee Israa'el akka jedhanitti waliigaltee hojiitti hiikuuf Haamaas guutuutti hidhannoo hiikkachuu qaba.
"Israa'el sanada Gaazaa Boordii Nagaa abbaa qabxii -15 hin fudhadhu jetteerti. Waraanni Israa'elis hanga Haamaas dhugumaan hiikkatutti Gaazaa keessaa hin bahu,"jedhe Neetaniyaahuun torbee darbe.
Onkololeessa dhufu filannootti kan deemu, Neetaniyaahuun kaabinee isaarraa oppireeshinii Gaazaa akka itti fufu dhiibbaan itti cimeera. Jalqaba ji'a kanaa Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el, Itamar Ben Gvir, wixinicha "fudhatama hin qabu" jedhaniin.
Gaaffii fi deebii Podkaastii Hagayya 15 Room Biraaslaavskii faana godhamee tamsa'een, namni Haamaasiin booji'amee ture, Ben Gvir, duula Israa'el Gaazaa keessatti gootu hir'isuu ilaalchisee yaada kenneen, "iccitii miti, ministira muummee waliin walii hin galu" jedhe.
Ajjeechaan qiyyeefannaa adda baafate kan galgala takkatti nama 30 hanga 40 fixu godhamuu qaba, kanneen balaafamoo ta'an qofa osoo hin taane namoonni jiraachuu hin qbanes jiru. Jiraachuu hin qaban. Isaan nama miti" jedhe.
Yaadni isaa kun Financial Times fi Times of Israel irratti maxxanfameera.
Israa'el karoora nagaa abbaa qabxii 15 diduu hordofee haleellaan qilleensaa waan dhaabbate fakkaata, garuu haleellaan garuu hin dhaabbanne.
Ibsa waloo Dilbata baasaniin Masrii, UAE, Sa'udi Arabiyaa, Jordaan, Tarkii, Paakistaanii fi Indooneeshiyaa diduun Israa'el carraaqqii nagaa Tiraampiif balaa dha.
Waliigalteen dhukaasa dhabauu bara darbe Onkololeessa 10 mallattaa'e bakkasuma jira.
Garuu Humni Ittisaa Israa'el guyyumaan haleellaa raawwata. erguma waliigaltee dhukaasa dhaabutii namoonni 1200 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa fi UN gabaasan. UNICEF daa'imman 300 ajjeefamuu hime.
Gaaffii US hordofees haleellaan qabbanaayaa tureera. Karoora abbaa qabxii 15 diduu Israa'elis booddee.
Israa'el garuu haleellaa hin dhaabne. Waraanni Israa'el Dilbata Khaan Yuunis fi Nuseerat keessatti Haamaasii fi ''shororkeessitoota'' Jihaadistootaa Islaamaa irratti xiyyeeffachuu hime.
Dhaabbileen fayyaa naannichaa namni hedduun dunkaana keessa jiraatu madaawuu gabaasan.
Israa'elii fi Haamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuun tokko isa kaan himatu.
Israel and Hamas accuse each other of ceasefire violations.
Haleellaan Haamaas Onkololeessa 07, 2023 raawwate namoota 1200 fixe. 251 immoo booji'aman.
Israa'el kana hordofee Gaazaa keessatti namoota 73,000, kanneen keessaa 21,280 daa'imman fixxe.
UN erga waraanni eegalee Gaazaa keessaa namoonni mil.1.9 buqqa'uu tilmaameera. kana jechuun uummata Gaazaa keessaa 90%.