Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa deeggaruu? Karoorri haaran Tiraamp maal mul'isa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan shaakala waraanaa waloo Kooriyaa Kibbaa waliin taasiftu haalaan akka hir'iftu himaniiru.

Trump, ergaa miidiyaa hawaasaa Truth Social irratti barreessaniin, leenjiiwwan waraanaa kun baasii guddaa akka gaafatan fi baasii isaa keessaa harki guddaan Ameerikaan kan kaffalamu ta'uu ibsan.

Tiraamp murteen kun gartokkoon hariiroo gaarii hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin qaban ilaalchisee akka ta'e dubbataniiru.

Guutummaatti kan hin barbaachifnee fi Kooriyaa Kaabaaf ergaa "diinummaa fi sodaachisuu" kan dabarsuudha jedhan.

Haa ta'u malee, Kooriyaa Kibbaa leenjii waraanaa Ameerikaa waliin qabdu ''akkuma sagantaa qabameefitti'' itti fufu ibsiteetti.

Kooriyaa Kaabaa gama isheetiin hanga ammaatti yaadni kennite hin jiru.

Yaadni Tiraamp kun Ameerikaan, yeroo ammaa Kooriyaa Kaabaa waliin mariitti deebi'uuf fedhii kan agarsiisudha.

Ameerikaan fi Kooriyaa Kibbaa tibbana leenjii waraanaa waloo guyyoota 11f gaggeessuuf karoorfataniiru. Leenjii kanarratti loltoonni Kooriyaa Kibbaa gara 18,000 ta'an akka hirmaatan ibsameera.

Ameerikaanis loltoota gara 28,500 ta'an Kooriyaa Kibbaa keessa qubsiiftee jirti.

Biyyoonni lamaan shaakala kana kan ittisaa fi doorsisa Kooriyaa Kaabaa irraa dhufuuf qophii cimsuuf kan qophaa'e ta'uu ibsu.

Tiraamp, leenjiiwwan kana hir'isuuf sababa biraa tokko immoo Kooriyaa Kibbaa waraana Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaachuu diduu ishee ta'uu ibsaniiru.

Tiraamp Kooriyaan Kibbaa dhiheenya kana Iraan meeshaa niwukilaraa irraa bilisa taasisuu keessatti Ameerikaa waliin dhaabachuu diddee jedhan.

Iraan "niwukilarii irraa bilisa gochuuf" Ameerikaa waliin akka hojjetan gaafannee, garuu Kooriyaan Kibbaa "lakki" jette jechuun ibsan.

Murtiin Tiraamp kun yeroo inni hariiroo isaa hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un waliin cimsuuf mallattoo agarsiisaa jirutti ta'e.

Tiraamp, ergaa isaa kana maxxansuu isaanii dura guyyaa tokko, suuraa isaa fi Kim Jong-un bara 2019 wal arganii ka'an maxxansuun, lamaan isaanii "hiriyoota gaarii" akka ta'an barreessaniiru.

Kooriyaa Kaabaa garuu sagantaa niwukilarii fi misaayilaa ishee babal'ifachuu itti fufteetti.

Biyyattiin ji'a kana keessa yaalii misayila baalistikaa hedduu gaggeessiteerti. Tarkaanfiin akkanaa murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti dhorkaadha.

Ameerikaan, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaanis Kooriyaa Kaabaa yaalii misayilaa biraa gochuuf qophiirra akka jirtu ibsaniiru.

Kooriyaa Kaabaan leenjii waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa "qophii weerara waraana" jechuun balaaleffatteetti.

Kooriyaan Kaabaa loltoota waraana Raashiyaaf dabarsitee kennuu ishee hoggantoonni waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa himaniiru.

Dubbi himaan waraana Ameerikaa Raayan Doonaald, ''sababii balaa kanaan leenji'aa jirra,'' jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa ibsa baaseen shaakala waraanaa waloo kun ''qophii waraanaaf'' ta'uu ibseera.

Hariiroon Washington fi Sihool gidduu jiru yeroo ammaa dhimma baasii ittisaa fi waldhabdiin Tiraamp fi Kooriyaa Kibbaa dhimma Iraan irratti garaagarummaa umammeen deebi'ee fooyya'uuf deema.

Gama biraatiin, mootummaa Kooriyaa Kaabaa irraa mariin kallattii Kooriyaa Kaabaa waliin akka jalqabamuuf waamichi dhiyaachaa jira. Kanaaf, murtiin TIraamp leenjii waraanaa hir'isuuf agarsiisa hariiroo Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa keessatti mariin haaraan jiraachuu danda'a jedhu akka ka'u taasiseera.