Shaampiyoonsi Liigiin, Liiverpuulii fi Maadirid yoo mo'atan Baayern Munik galchii 9-2'n mo'ate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Baayen Munik leenjisaa isaa haaraa Viinsenti Kompaanii jalatti tapha jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii mo’achuu qofa osoo hin taane galchii sagal lakkoofsisuun seenaa haaraas hojjete.

Baayern Munik kilaba jalqabaa tapha Shaampiyoonsi Liigii tokko irratti galchii sagal lakkoofsise taheera.

Tapha Daayinaamoo Zaagirebiin 9-2’n mo’atan irratti Haarii Keen galchii afur lakkoofsise.

Taphoota Shaampiyoonsi Liigii ykn Awurooppaa Liigii 45 irratti galchiiwwan 33 lakkoofsisuun taphataa Ingilaandi jalqabaa tahe.

Rikardii kana kana dura Wayinii Ruunii qabatee ture. Ruuniin galchii 30 lakkoofsisuun taphataa Ingilaandi jalqabaa tahee ture.

Haa tahu malee Haarii Keen tapha Shaampiyoonsi Liigii tokko irratti galchii afur lakkoofsisuun taphataa Ingilaandi jalqabaa taheera.

Rikardii Wayinii Ruunii cabsiteetta taanaan waan gaarii tokko akka hojjechaa jirtu agarsiisa. Inni [Ruunii] taphataa jabaa Ingilaandi argattee keessaa tokko ture jedhe.

Taphoota Shaampiyoonsi Liigii eda gaggeeffaman keessaa Liiverpuulis morkataa isaa AC Miilaaniin mo’ateera.

Liiverpuul tapha Piriimer Liigiin osoo hin eegamiin Nootiingihaam Foorestiin erga mo’amee Shaampiyoonsi Liigiidhaan jalqabbii gaarii agarsiiseera.

Taphni jalqabee daqiiqaa sadii keessatti AC miilaan dursa qabatus Virjil Vaan Daayikii fi Ibiraahim Koonaateen galchii lakkoofsisaniin dursa qabate.

Boodarra Doominik Sooboslaayi galchii sadaffaa Liiverpuuliif lakkoofsisuun mo’atanii deebi’an.

Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee fi abbaa waancaa Shaampiyoonsi Liigii jedhamuun waamamu Riyaal Maadirid dirree isaa irratti falmii guddaa taasisee mo’ate.

Kilaba Jarman Istuutgaarti waliin kan taphate Maadirid taphattoota isaa urjii kan akka Kiiliyaan Imbaappee, Vinishiyeesh, Roodiriigoo, Beelingihaam fi kaanis taphachiisee salphaatti mo’achuu garuu hin dandeenye ture.

Imbaappeen Riyaal Maadiridiif galchii Shaampiyoonsi Liigii isaa jalqabaan dursa qabatanii ture.

Hanga taphni xumuramuu gahutti Istuutgaarti galchii wal qixxessituu lakkoofsisuun falmii jabaa taasisan.

Toonii Ruudiger galchii lammaffaa lakkoofsise. Bara kana Maadiriditti kan makamee fi torban darbe ammoo haadha warraa kan fuudhe Endiriik galchii sadaffaa lakkoofsisuun Riyaal Maadirid injifate.

Endirik taphataa umurii xiqqaan Shaampiyoonsi Liigii irratti Riyaal Maadiridiif lakkoofsises taheera.

Kilaba Biraazil Palmiiraa irraa erga Riyaal Maadirid galee umurii isaa wagga 18 galchii lakkoofsisuun taphataa umurii xiqqaa jaarraa 21ffaa keessaa kilebichaaf galchii lakkoofsise taheera.

Taphoota biraa eda gaggeeffamaniin Maanchister Yuunaayitid dorgommii Karabayoo Kaappiin Barnislee kileba jedhamu 7-0mo’achuun marsaa itti aanuuf darbeera.

Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii har’as itti fufuun gaggeeffamu.

Arsenaal kilaba Xaaliyaanii Atalaantaa yoo morkatu, Maanchister Siitiin ammo Inter Miilaan waliin morkata.

Baarselonaan Moonaakoo waliin Atileetiikoo Maadirid RB Leepizhig waliin morkatu.