Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Darbii Landan Kaabaan Arsenaal dirreesaatii ala mirgaan gale
Tilmaama isaa torban kanaatiin ogeessi BBC kubbaa miilaa xiinxalu Kiriis Saatan Tootenhaam masaanuu isaa Landan Kaabaa ta’e Arsenaaliin 3-2 mo’ata jechuun tilmaamee ture.
Arsenaal taphattoota isaa ciccimoo lama: Dekilaan Raayisiin adabbiidhaan, Odegaardiin ammoo miidhamaan dhabee wayita jirutti Darbii kanaaf dhiyaate.
“Raayis hin jiru… Odegaard hin jiru,…..mo’achuun hin jiru jedhee ture xiinxalaan ispoortii BBC Kiriis Saatan.
Haata’u malee, dubbiin galagaltoo ta’ee, ‘Raayis hin jiru… Odegaard hin jiru… rakkoon hin jiru‘ jedhameera.
Ze Gaaners daqiiqaa 64ffaa irratti taphataan sarara ittisaa gidduu Gaabreel Magaaleez kubbaa koornarii Saakaan erge mataan miidhagsee manii warra Tootenhaam keessa buuse.
Gaabiin tapha kaleessaa kanaan goolii gareen Mikeel Arteettaa akka mirgaan galu goolii lakkoofsiseen alatti, kubbaa baayyee Tootenhaam irraa aggaamamaa ture haala ajaa’iba ta’een qolachaa ooleera.
Kanaaf, taphataan lammii Biraazil kun oolmaa falmii garee masaanotaa kanaan taphataa cimaa ta’uun filatameera.
Tapha 1-0n goolabame kanaan Arsenaal qabxii sadan barbaachistuu taate fudhatee galeera.
Arsenaal taphoota sadii walitti aansee Tootenhaam Hotispar mo'achuun Darbii landon kanarratti ol aantummaa argateera.
Amma Arsenaal taphoota afur taphate sadiin mo’atee, tokkoon ammoo qixa bahuun qabxii waliigalaa 10 qabatee Maanchester Siitiitti aanuu sadarkaa lammaffaarra jira.
Shaampiyoonaan bara darbe Maanchester Siitiin ammoo taphoota afran mo’achuun qabxii 12 qabatee Liigicha dursaa jira.
Arsenaal taphoota afur keessaa lama dirreen ala taphatee mo’achuun cimina gaarii agarsiisaa jira. Yeroo darbes dirree Aston Viilaa deemee haaloo mo’atee haaloo bahatee deebiyeera.
Arsenaal bara darbe waancaa akka dhabu kann taasise tokko Aston Viilaatiin mo’amuu isaati.
Tootenhaam carraa baayyee uumuu danda'anis goolii garuu lakkoofsisuu hin dandeenye.
Amballiin Arsenaal Maartiin Odegaard tapha biyya isaa Noorwayiif taphaturratti miiddhamee, Dekilaan Raayis ammoo sababa adabbiitiin tapha keessaa hafan kana Tootenhaamiif mijataa ta'a jedhamee yaadamus dubbichi faallaa ta'e.
Sochiin Tootenhaam dadhabaa ta’e deeggartoota mufachiiseera. Tapha kana duras gahums Hotispar Liigicha keessatti agarsiisan baayyee gadi bu’aa ture. Taphoota 11 darba keessaa torbaan mo’ameera.
Faallaa kanaa Arsenaal tapha Darbii akkaan eegamu kana manii (karra) isaanii osoo hin tuqsiisiin ofkalaniiru.
Taphattoota sarara ittisaarraa hanga karra eegaa Daavid aayaatti carraaqqiiwwan goolii irra deddeebiin taasifamaa turan maseensaa oolaniiru.
Arsenaal taphoota darban irratti gooliiwwan lakkoofsise afur kubbaa bakka dhaabatee ergamu (akka koornaafi adabbii) irraa ergamuun yoo ta'u, kun ammoo Hotispar kubbaa bakka dhaabbaterraa ka'u ittisuurrratti rakkoo akka qabu agarsiiseera.
'Arsenaal torban dhufu Siitii mo'annaan taphni cime'
Leenjisaan tootenhaam Anjee Postekaaguluu gareen isaa mo'amuu ilaalchisee 'garee camaa waliin yeroo ilaalamnu maalirra akka jirru ilaaluudhaaf qormaata gaariidha' jedhe.
"Kana nama dhibu Arsenaal torban darbe dirrree ofiirratti Biraaten waliin qabxii gatee ture, amma mo'achuun isaa darbiirratti hangam akka ciman agarsiisa. Torban dhufu garee dirree Maanchester Siitii Iitihaad deemanii 0-0n wal qixa baanaaniyyu qabxii gaariidha isaaniif. garuu Siitii mo'annaan taphni cime," jedhe leenjisaan Hotispar kun.
Tootenhaam ganna darbe kana seenaa kilabichaa keessatti baasii guddaa rikkardiidha jedhame paawondii miliyoona 65 baasuun Barnimaazirraa Doominiik Solaankee fudhateera. Taphataan kun kaleessa hiriiraa Arsenaal irratti milkaa'uu hin dandeenye.
Silaa taphataan bakka Solaankee kun gahee harii Keen ba'aa ture bahachuun kan irraa eegamudha.