'Haleellaa hidhattoonni Faannoo Shawaa Kaabaatti raawwataniin lubbuun namaa darbe'

Madda suuraa, Getty Images
Hidhattootni Faannoo Sanbata duraa, Hagayya 20, 2015 eegalee daangaa naannoo Oromiyaa seenuun aanaalee Darraa fi Abbichuufi Nya’aatti haleellaa raawwachuu isaanii jiraattotni fi angawootni aanaalee kunneenii BBCtti himaniiru.
Haleellaa hidhattoonni kunneen godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti raawwataniin lubbuu namaarratti miidhaan qaqqabuu jiraattotni fi angawootni aanichaa himaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii aanaa Darraa Obbo Kamaal Sa’id haleellaa hidhattoonni faannoo aanaa isaaniirratti banan kanaan gandootni aanichaa daangaarra jiran bakka tokko tokko to’annoo isaanii jala galuu fi gandi guutummaatti isaan to’atan garuu akka hin jirre himan.
“Warri Faannoo kuni karaa afuriin weerara aanaa keenyarratti banan. Lola kanaan miidhaan gaheera.
Qaamoleen nageenyaa aanicha turan, hawaasa naannoo fi hidhattoota Faannoo keessaas namootni du’an jiru. Ammatti lakkoofsa nama miidhamee adda baasuun rakkisaadha,” jedhan.
Gama biraatiin tarkaanfii haleellaa hidhattoota Faannoo guyyaa Sanbata Duraa ofirraa ittisuuf fudhatameen lubbuun hidhattoota Faannoo 30 darbuu bulchiinsi Aanaa Abbichuufi Nya’aa beeksiseera.
Kaayyoon hidhattoota Faannoo “magaala kana rukkutanii ‘gara 4 Kiiloo galla’ kan jedhudha,” kan jedhan bulchituun Aanaa Abbichuufi Nya’aa Aadde Furtuunaa Tasfaayee, hidhattootni Faannoo Sanbata Duraa darbe ALI Hagayya 20, 2015 gandoota Aanaa Abbichuufi Nya’aa garagaraa irratti haleellaa banuu isaaniifi wal jijjiiraan dhukaasaa taasifamuu BBCtti himaniiru.
“Guyyichatti balbala shaniini (gara aanichaatti) kan galan. As karaa Saalaayish jedhamuun, Gaamoo, Amantee Gaamoo, Amantee Gooroo fi Nasirii Mana Horoon galuuf wanti yaalame jira,” jedhan.
Tarkaanfii ofirraa ittisuu hidhattoota Faannoo irratti fudhatameenis miseensotni garee kanaa 30 lubbuun darbuu qondaalli aanichaa kun himaniiru.
Abbichuufi Nya’aa- ‘Humna guddaadha kan gurmeessan’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyaa Sanbata Duraa darbe ALI Hagayya 20, 2015 barraaqa sa’aa 10:00 irratti hidhattootni Faannoo yeroo sadaffaaf aanaa Abbichuufi Nya’aa irratti haleellaa banuu isaanii bulchituun Aanichaa Adde Furtuunaa Tasfaayee himu.
Humni hidhattootaa guyyichatti gara aanichaa imales haalaan kan gurmaa’e, hidhannoowwan gurguddaa kan hidhatefi lakkoofsa olaanaa kan qabu akka ta’es dubbatan.
“Humna guddaadha kan gurmeessan. Shiftoonni baay’een qooda fudhataniiru, ijoollee leenjii qaban gammoojjiiraa walitti qabanii: Marraabiteerraa, Lamiirraa gurmeessanii dishqaa dabalatee qabatanii gara kanatti dhufuuf kan yaalan” jedhan.
Haleellaa hidhattoota Faannoo kana ofirraa qolachuufis milishaan aanichaa, dargaggootni fi humnootiin nageenyaa naannoo Oromiyaa hirmaachuu himaniiru.
Tarkaanfii kanaanis miseensotni hidhattoota Faannoo ajajoota dabalatee namootni 30 lubbuun darbuu dubbatan.
“Daangaa keenya keessatti toora namoota 26ti kan hawaasni awwaale. Karaa Gabaa Jimaataatiin immoo namootni afur wareegamaniiru gama isaaniitiin,” jedhan.
Kana malees hidhattootni Faannoo 51 madaa’uus kan himan qondaalli aanichaa, gama aanichaatiin miseensota kora bittinneessaa Oromiyaa lama irratti miidhaan qaamaa salphaa qaqqabuu dubbatan.
Gama biraatiin shakkamtootni haleellaa hidhattoota Faannoof haala mijeessaniiru jedhamanfi 70tti siiqan to’annoo jala ooluus Aadde Furtuunaan himaniiru.
Dhiibbaa hawaas diinagdee sochiin hidhattoota Faannoo jiraattota aanichaarratti qaqqabsiise kan gaafanne Aadde Furtuunaan, “dhiibbaa guddaa fideera jennee wanti yaadnu hin jiru, qabeenyi sadarkaa sanatti nu jalaa manca’eera jennus hinjiru” jechuun deebisaniiru.
Darraa- “lolli guyyaa sadaffaa qabateera”
Jiraataan Godina shawaa kaabaa aanaa Darraa nageenya isaaniif jecha maqaa kiyya hin ibsinaa jedhan haleellaan hidhattoota Faannoo guyyaa Sanbata Duraa eegale meeshaalee gurguddaadhaan deegarame ta’uu himan.
Haleellaa kanaanis hawaasarra gandoota daangarra jiran irratti miidhaan lubbuu fi qabeenyaa gahuu himan.
“Haleellaan kuni gaafa Hagayya 20 jalqabe. Sochiin isaan gaggeessan meeshaa gurguddaadhaan kan deeggarame. Kallattii Afuriin gara Magaalaa Gundoo Masqalitti seenuuf lola banani” jedhan.
Lola guyyaa sadaffaa qabate kanaan namoota nagaa irratti miidhaan lubbuu fi qaamaa gaheera kan jedhan jiraataan kuni, ammaati lakkoofsaan adda baasuun rakkisaa ta’uu eeran.
Iddoowwan hidhattoota kanaan qabaman keessattis buqqaatiin jiraattotaa mudachuu fi gandoota daangaa irraa gara walakkaatti baqachaa jiraachuus himan.
Itti gaafatamaan Waajjira kominikeeshinii aanaa Darraa Obbo Kamaal Se’id haleellaa hidhattoonni faannoo aanaa isaaniirratti banan kanaan Gandootni aanichaa daangaarra jiran bakka tokko tokko too’annoo isaanii jala galuu fi gandi guutumatti isaan too’atan garuu hin jiru jedhan.
Hidhattoonni kunneen jiraattota holola sobaatiin amansiisuun waraana kanarratti hirmaachisaa jiraachuus eeran.
“Shaneen isinii dhufe piroppogaandaa jedhuun milishoota gandaa osoo hin hafne burjaajessu. Isaan caasaa mootummaa hundumaanuu shanee jedhu. Haala Kanaan qonnaan bulaa weerara kanatti hiriirsaa jiru. Kan dides humnaan dirqamsiisanii lolatti hoofaa jiru” jedhan.
Gandootni aanichaa hedduun namoota Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dubbatan walmakee kan keessa jiraatan waan ta’eef sabootni gargaarummaa afaan dubbataniitiin akka lola walirratti bahan gochuuf yaalii godhus jedhan.
Dilbata darbes poolisootni federaalaa shakkamaa too’achuuf wayita gara gandaa deemanitti hidhattoonni kunneen dhukaasa irratti banuun miidhaan guddaan qaqqabee turuus eeran.
Hidhattoonni Faannoo kuni yeroo dheeraaf magaala Gundo Masqal kana too’achuuf dhaadhachaa turan kan jedhan angaa’aan kuni yeroo ammaas humna dabalataa naannoo Amaaraa irraa gara aanaa isaaniitti ceesisaa waan jiraniif yaaddoo guddaa keessa jiraachuu himan.
Aanaan Darraa Godina shawaa kaabaatti Laga Jamaa Gamatti kan argamtuu fi daangaa Oromiyaan Naannoo Amaaraa ittiin daangessitudha.
Daandiin Cirrachaa tokkichi aanicha Godinaan walqunnasiisu haala teessuma lafaa hidhattootaa fi saamtotaaf mijatu keessa waan qaxxaamuruuf geejjibaa gara aanichaa deemurratti saamichii fi buttaan irra deddeebiin kan dhagahamudha.
Haaluma wal fakkaatuun Aanaan Abbichuufi Nya’aa aanaalee naannoo Amaaraan sadiin kan wal daangessu yemmuu ta’u isaaniis Baasoofi Waraanaa, Aangolalaafi Xaraa fi Siyaadabirfi Waayyuu jedhamu.
Gandootni aanaa Abbichuufi Nya’aa aanaalee naannoo sadeen walin wal daangessanis lakkoofsaan 12 akka ta’an angawootni aanichaa himu.
Haleellaawwan lama hidhattootni Faannoo ji’a Hagayyaa bara 2015 aanaa Abbichuufi Nya’aa irratti bananiin lubbuun miseensota qaama nageenyaa shan fi nama nagaa tokko, waliigala lubbuun namoota jahaa darbuu ni yaadatama.












