Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan waldhibdee daangaa naannolee Amaaraafi Tigiraay riferendamiin furuuf
Wal-dhabdeen naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduutti uumame rifarandamiin akka furamu mootummaan beeksiseera.
"Bu'uura Heera mootummaatiin rifarandamiin gaggeeffamuuf karoorfameera," jedhe Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa ibsa wixata baaseen.
Rifarandamichi yoom akka gaggeeffamu garuu hin ibsine.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa mootummaan ce'umsaa yeroof naannicha hooganaa jiru rifarandamii gaggeessuudhaaf aangoofi bu'uura heeraa hin qabu jedhan.
"Heerri mootummaa ifadha. Naannichi amma mana-maree bakka isa bu'ee isaaf dubbatu hin qabu. Ani osoon hangan fedhe beekamtii qabaadheeyyu rifarandamii gaggeessuudhaaf aangoo isaa hin qabu," jedhan Obbo Getaachoon gaaffiifi deebii afaan Ingiliziitiin TV naannichaarratti kennaniin.
Obbo Getaachoon rifarandamiin akka gaggeeffamu itti waliigalanis haal-dureewwan kan akka namoota sababa walitti bu'insa tureen qe'eerraa buqqa'an bakkatti deebisuu barbaachisa jedhan.
Akka Obbo Getaachoon jedhanitti, wanti lafarra jiru dursa rifarandamii gaggeessuuf kan hayyamu ta'uu qaba. Warri lafa falmisiisoo ta'an kanarraa buqqa'an deebiyanii uummanni Tigraay fi bakka sana jiraatan amantaa kan irratti qabaatan ta'uu barbaachisa jedhan Pirezidant Getaachoon.
Waliigaltee nagaa waggaa tokko dura mallatteeffame madaaluun ibsa Wixata darbe kennamerratti mootummaan buqqaatonni akka qe'eetti deebi’aniifi waraanni Federaalaa ittigaafatamummaa nageenya naannichaa akka fudhatu ibse.
Anga’oonni federaalaa ''furmaata gama hundaaf fayyadu barbaaduuf hiree naannolee falmisiisaarratti ejjennoo qabanneerra'' jedhu.
"Bu'uura heera mootummaatiin rifarandamiin gaggeeffamuuf karoorfameera" jedheera Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa.
Waldhabdeen daangaa kun waggaa tokko dura waraanni Tigraay xumuramuu hordofee tasgabbii dhabiinsa uumuu mala yaaddoo jedhu uumee ture.
TPLF torbee darbe ibsa kenneen, namoonni hedduun ammallee qe’ee isaaniirraa buqqa’anii waan jiraniif, waliigalteen guutummaatti hojiirra hin oolle jedhe.
Tigraay lafa gabbataa bakkaa sanatti argamu osoo humnoonni Amaaraa bara 2020, yeroo walwaraansa hin qabatiin dura to’ataa ture.
Jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falman humnoonni Amaaraa naannoo falmiin irratti dhiyaatetti yakka sanyii balleessuun raawwachuun himataa turan.
Himannaan kana mootummaa naannoo Amaaraa hin fudhatu.
Naannoleen falmisiisoo, daangaa Itoophiyaafi Sudaanitti dhiyaatu, bakka waraanni waggoota lamaaf Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Federaalaa gidduutti gaggeffame keessatti bakka ijoodha.
Wal-waraansi sun Sadaasa keessa Afrikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa mallattaa'een goolabame.
Buqqaatota miliyoona tokko, kanneen guutuu Tigraay keessatti kaampii keessa turan hedduun naannoo falmisiisaa ta'e kana keessaa baqachuutu gabaafame.
Bulchiinsi naannoo Amaaraa lafti kun bara 1990 keessa yeroo TPLF humna siyaasaa Itoophiyaa keessatti olaantummaa qabuun humnaan fudhatame jedha.
Gartuuwwan mirga namoomaaf falman naannoleen falmisiisoo yakkii gara jabeenyaa hamaa yeroo waldhabdee sanaa keessatti raawwataman baay’inaan xiyyeeffannoo otoo hin argatiin hafan ta’uu ibsan.
Ergamaan Gamtaa Afrikaa, Pirezedantiin duraaniixx Naayijeeriyaa Oliseegun Obasanjoo akka jedhanitti, waraana Kabaa Itoophiyaa keessatti namoonni 600,000 ta’an du’aniiru.
Qorattoonni lammileen nagaa kuma dhibbaan lakkaa'aman lola, beelaafi hanqina kunuunsa fayyaarraa ka’een du’uu ibsan.
Humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa dabarsanii kennan malee meeshaan xixiqqaafi salphaa akka hinkenninetu amanama.’
Kunis loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota naannoo Amaaraa gidduutti lolli geggeeffamu wayita ittifufettidha.
Walitti bu’iinsahidhattoota Faannoo waliin uumameen humnoonni federaalaa sarbama mirga namoomaa raawwatan jechuun himate Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Komishiniin Mirga Namoomaa kana ''madaala kan hinqabne'' jechuun haaleera.
UK fi US dabalatee biyyoonni Lixaa rakkoo naannolee oromiyaafi Amaaraa keessa jiru mariin akka furamu waamicha dhiyeessan.