Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Haajaa Alaa US dhimma Naannoo Amaaraa fi Oromiyaarratti MM Abiy waliin dubbatan
Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen haala naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa jiru fi kaan irrattis Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin dubbatan.
Waajirri Ministeera Haajaa Alaa ibsa Jimaata, Adoolessa 4, 2023 baaseen Biliinkeen haasaa bilbilaa MM Abiy waliin godhan irratti dhimma nageenyaa biyyattii keessa jiruufi raawwii waliigaltee dhukaasa dhaabuu Kaabaa Itophiyaarratti hojii gaarii adeemaa jiru kaasaniiru jedheera.
Dubbii himaan waajira Haajaa Alaa US Maat Miiler ''Biliinkeen MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin Itoophiyaa keessatti nageenya, badhaadhinaa fi tasgabbii fiduurratti mariiyatanii'' jedhan.
Itti dabaluunis ''haala naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiruun yaaddahuu ibsaniiru'' jedhu dubbii himaan kun.
Ibsi waajira Haajaa Alaa US kun kan bahe mootummaan Federaalaa sochiin hidhattoota naannoo Amaaraa humna naannichaatiin ol ta'uu isaatiin labsiin yeroo muddamaa wayita labsametti.
Kutaalee naannoo Amaaraa adda addaa keessatti guyyoota darban raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaafi hidhattoota naannoo Amaaraa Faannoo gidduutti walitti bu'insi gaggeefamaa jira.
Maddeen BBC Kamisa darbe hidhattootni Faannoo magaalaa Gondar keessatti raayyaa ittisaa biyyaa waliin walitti bu'anii namootni nagaa fi qaamoleen nageenya hedduun ajjeefamuu himaniiru.
Qondaaltotni lameen nannoolee sababa waraanaan deeggarsa namoomaa barbaadaniitti dhiyeessii deeggarsaa adda citee ture deebisanii eegalsiisuuf irratti sirna tokko diriirsuurratti dubbataniiru.
Biliinken MM Abiy walin wayita dubbatan dhimma Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaarratti dhibdee jiru karaa dippiloomaasii furuuf deeggarsa akka godhan mirkaneessaniiru.
Itti dabaluunis tattaaffii MM Abiy waraana Sudaan keessatti dhalate karaa nagaa furuuf taasisaniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru jedha ibsi waajira Haajaa Alaa US.
Waayee marii bilbilaa qondaaltota lameenii Ministirri Muummee Abiyyis ta'e waajirri isaanii ammatti waan jedhan hin qaban.