Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Namni barate mirga ofiifi kan uummataa gaafata jedha ture Taaddasaa Birruu"
Barnoonni uummata Oromoo bal’aa bira akka qaqqabuuf kan qaabsaa’aniifi hundessitoota Waldaa Maccaafi Tulamaa keessaa tokko kan tahan Birgaadeer Janaraal Taaddasaa Birruu guyyaan dhaloota isaanii waggaa 100ffaa Onkololeessa 13, 2015 ALI irraa jalqabee torbanoota afuriif kabajama.
Guyyaan dhalootaa nama saba Oromoo biratti gootummaan beekaman kanaa sagantaa garagaraan akka kabajamu Faawundeeshiniin Taaddasaa Birruu ibsa Roobii Onkololeessa 12, 2015 ALI kenneen himeera.
Kanneen gama Faawundeeshinichaan ibsa kennan keessaa tokko kan tahan Obbo Leencoo Lataan, kabajni guyyaa dhalootaa Janaraa Taaddasaa Birruu jireenyaafi aarsaa hamma du’aatti kaffalan irratti xiyyeefata jedhan.
Hunda caalaammoo inni ’’namni barate mirga ofii gaafataa jedha ture, mirga ofii qofa miti kan uummata ofiis gaafata,’’ dardarri keenya kaayyoosaa kana hubatee akka hordofu gochuudha jedhan.
Obbo Leencoon Janaraal Taaddasaa Birruu qaamaan akka beekaniifi inumaayyuu yeroo baayyee wal-arganii akka haasa’aa turan himu.
''Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bu’uureessuu irratti ni haasofna turre, yaada garaagaraa irrattis ni marii’anna turre,’’ jedhan.
Taaddasaan nama ifatti waa himu akka tahes namni siyaasaa Obbo Leencoon ni himu.
''Yoo ati dabeessa taatee, dabeessa gatii hin qabdu jedhee sitti hima. Nama Oromoo tahee Oromoof hin hojjenne ni arrabsa ture,’’ jedhan.
Gama biraa janaraalti sun uummata Oromoof jecha aarsaa hamma du’aatti isaan geesse kaffaluu ni dubbatu
''Oromoon galaanaa yoo barate nu liqimsaa jedhameeraa?’’
Bara Haayilessilaasee Ministira Mummee kan turan Akliiluu Habtawald wajjiin yeroo dubbatan, ‘’Oromoo naannoo Shaggar jiran ‘Fidal Seraawwit’ jedhee barsiisaa akka ture yoo itti himu, Oromoon baayyeedha nurra galagala,'' jedheenii Akliiiluun ni jedhama jedhan.
Duraan Taaddasaan Oromoon akkuma saboota biroo Itoophiyaa, mirga qabaa barnoota dhabe malee jedhee yaada ture.
''Kana booda garuu akka isaan Oromoon hin barannee kaayyoo qabaachuu barraan Waldaa Maccaafi Tulamaa isa dur dide deebi’ee miseensa tahe. Isa hafe seenaaf dhiisna,’’ jedhan Obbo Leencoon.
Taaddasaan kaayyoonsaa ammaallee galmaan gahuuf nu hafa jechuun kan dubbatan Obbo Leencoon, ‘’Itoophiyaa wal-qixxummaa qabdu arguu fedhee ture,’’ jedhan.
Amaara dabalatee sabni biyyattii hundi wal-qixxummaan mirga barnootaafi siyaasaa akka argatan barbaada ture jechuun himan.
Garuu warreen ‘’olaantummaa saba tokkoo tiksuu barbaadan kana gaafa hubatu wal-lolutti ka’ee,’’ kan jedhan Obbo Leencoon, ‘’inni ofiisaa Afaan Amaaraa, Gi’iizii qixeessee duubbataa, ani Itoophiyaawwiidha ofiin jedha,’’ ture jedhan.
Oromoota kaaniis akka isaa ‘Itoophiyummaan’ isaanii kabajamee akka jiraatan fedhii qaba ture.
Akka Obbo Leencoon jedhanitti, kaayyoon Taaddasa Birruu ‘’wal-qixuummaan saboota gidduutti akka jiraatu barbaade suni ammallee ni jalqabe malee fiixaan hin bane.''
Guyyaa dhalootaa wagga 100ffaa Birgaadeer Janaraal Taaddasaa Birruu fiigicha magaalawwan Oromiyaatti taasifamu, eebba kitaabaa, gaaffiifi deebii qaama miidhamtoota gidduutti taasifamuufi agarsiisa suuraan akka kabajamu ibsa Faawundeeshinichi kenne eeruun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.