Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan himannaa ‘garee poolisii ajjeestootaa’ dhagahu eegaluuf
Keeniyaatti miseensoonni poolisii afur ajjeechaawwan, ukkaamsanii butuu fi darara biyyattii guutuutti raawwatame duuba jiru jedhaman irratti himannaa magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiitti Wiixata Onkololeessa 24, 2022 eegaluuf.
Miseensoonni poolisii kunneenis qaama garee poolisoota filatamoo ajjeechaa murtoo seeraa maleefi shakkamtoonni dhabamsiisuu baraa dheeraatiin himatamaniifi dhiheenya pirezidanti Ruutoon Wiiliyaam akka diigamu taasiseeti.
Himannaawwan miseensoota poolisii kanneen irratti dhiheenya keessa ka’an keessaa tokko, lammiilee Indiyaa baatii Adooleessa keessa erga bakka buuteen saanii dhabameen booda, torban darbe keessa reeffisaanii boson jidduu Keeniyaa keessatti argameera.
Miseensoonni Garee Tajaajilawwan Addaa amma diigamee kunneenis ajjeechaa, waajjiira haalaa maleetti fayyadamuufi karoora yakkawwan raawwachuu dabalatee, himannawwan hedudu irratti dhiyaatuuf jira.
Pirezidaanti Ruutoon erga lammiilee Indiyaa lamaan bakka buteensaanii dhabamu ilaalchisuun gabaasni poolisii qaqabeen booda ture gareen kunis akka bittinaa’u kan taasisan.
Zulfiqaar Ahimad Khaan fi Mohaamad Zaayid Samii Kidwaa’I duula filannoo Aab Ruutoo gargaaruuf Keeniyaa keessa turan.
Haata’u malee jarreen kunneenis konkolaachisaa isaanii Niqodimoos Mwaaniyaa dabalate, battala poolisiin Naayiroobii keessaa butamaniin booda eessa buuteen isaanii dhabame.
Gareewwan Mirgoota Namoomaa qorannoon walabaa taasisan, garee kanaafi kutaawwaan poolisii biraatiis ajjeechaa namoota 600 ol waggoota afur darbaniitiin hidhata akka qabu himan.
Reeffii namoota muraasaa lixaa fi Kaaba Keenitaatti lageen keessaa argamunsaanii ni yaadatama.
Gamtaan idil-addunyaa fi dhaabbilee mit-mootummaa biyya keessaa amma mootummaan qondaaltoota poolisii gara jabbeeyyii kanneen akka himatuufi namoota gochaa pooliisii kanaan miidhamaniif beenyaa akka kanfalu gaafataa jiru.