Qabeenya qurxummii haroo Danbal wal jalaan dhabamuuf jiru

Qabeenya qurxummii haroo Danbal wal jalaan dhabamuuf jiru
Maxxanfame

Haroon dambali haroowwan Oromiyaa keessatti qabeenya qurxumiitiin beekaman keessaa tokko ture.

Haata'u malee qabeenyaa kun wal jalaan hir'ataa adeemuufi kunuunsi dhibee kan kiyyeessu itti baayyachu himan jiraattooni.

Tarii waluma faana qabeenyi qurxumii kun gara dhabamuutti adeemuu malaa laata jechuun yaaddoo keessa galus jiraattoonni BBC'tti himaniiru.

Haroo kana kunuunsuun qabeenyaa kunis deebii'ee akka bayyanatuufis osoo qaamni dhimmisaa ilaalatu tarkaanfii fudhatee jechuun waamichi dhiyeessan.