Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti baajaajiin namoota 27 feetee deemaa turte poolisiin qabamte
Bajaajii magaalaa Indiyaa tokko keessa akka malee fiigaa turte tokko poolisiin wayita dhaabsisetti, lakkoofsa namoota walitti rukkamanii baajaajittiin imalaa turanii amanuun ni ulfaata ture.
Viidiyoon wayita daa'immanii fi manguddoota dabalatee namootni 27 baajaajii keessaa yaa'an mul'isu marsaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'eera.
Taateen kutaa biyyaa Utaar Piraadeesh magaalaa Fateepuuritti mudate kanaan poolisiin baajaajii kana dhaabsise namoonni meeqa akka keessa bu'an yoo lakkaa'u viidiyoo irratti mul'ata.
Baajaajiin namoota 27 baattee turte kun namoota sadi akka baattutti kan tolfamte yoo ta'u tokko tokko namoota jaha akka baatanitti kan fooyyeffaman jiru.
Gabaasaaleen akka mul'isanitti wayita poolisiin baajaajii kana dhaabsisuuf yaalu, konkolaachisaan saffisa itti dabalee bira kute.
San booda poolisiin duuka bu'ee hordofee akka dhaabu godhe.
Poolisiin "namoota hagana baay'atan achi keessatti arguutti ni rifate" jedha qondaalli poolisii magaalaa Fateepuur Rajeesh Kumar.
Baajaajiin kun namoota humnaa ol fe'uufi saffisa hayyamamu ol fiiguun to'annoo jala oolte.
Viidiyoo marsaalee hawaasaa irratti qoodame hordofee namootni yaada garagaraa kennaa jiru.
Gariin rikoordii addunyaa ta'ee galmaa'uu qaba yoo jedhan kaan ammoo rakkoo sirna geejjiba Indiyaa ittiin qeeqaniiru.
"Kun dhugumaa? ani amanuu hin danda'u!" jedha fayyadamaan tiwiitarii tokko.
Indiyaa keessatti Tuktuk jedhamuun kan beekamtu baajaajiin mala geejjibaa filatamtuudha.
Gatiin geejjibaa baajaajii baasiiwwan caalaa qaalii yoo ta'u, taaksii caalaa ammoo ni rakasa. Kanaafis lammilee Indiyaa gatii jiddugaleessaa argatan biratti filatamtuudha.