Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa obboolaa sadii hawaasaafi poolisiitti naasuu guddaa uumee
Ayerlaaniiditti, obboolaan lakkuu kan waggaa saddeetii, Chelsiyaa fi Kirsitiin Kaawleey fi obbooleetiin angafaa isaanii Liizaa Caash kan umuriin waggaa 18 haleellaa mana warra isaanii keessatti irratti raawwatameen ajjeefaman.
Namtichi Kibba Dabliiniitti mana jireenya obbolaa sadan kanaa deemuun ajjeechaa kana raawwachuun shakkames mana murtiitti dhiyaachuf jira.
Ajjeechaan kunis mana jireenyaa Roozfild keessatti guyyaa Dilbataa gara ganamaati raawwatame.
Namtichi umurii waggaa 20taa keessatti argamu tokko ajjeechaa kanaan wal qabatee poolisiin to'annoo jala oolfamuun gaaffiin dhiyaateefiira.
Shakkamaan kunis Manneen Murtii Yakkaa Dubliin keessatti dhiyaachuuf jira.
Ofii maaltu ta'e?
Lisaa Kaash shamarree waggaa 18 yoo taatu, wayita namni isaan hin beekne tokko mana warraasaanii kan Dabliin jirutti ol seenuun isaan ajjeeseetti, obboleessaafi obbooleettii ishee lakkuu kunuunsaa turte.
Poolisiin Ayirish waa'ee ajjeechaa obboolaa sadanii kanarratti nama umuriinsaa waggaa 20ta keessatti argamu qorachuu itti fufe.
Obbolaan lakkuun kan waggaa saddeetii Chelsiyaa fi Kiristii Kaawleey akkasumas Liisaa Kaash kan waggaa 18 gamoo mana jireenyaa Roozfild kan Tallaght' keessatti ajjeeffaman.
Hogganaan poolisii Ayirlaand ajjeechaa kana taatee sukkaneessaa jechuun ibse.
Komishinarri poolisii Gaardaa, Drew Haaris taateen ajjeechaa daa'iman kanneenii Dilbata ganama raawwatame kunis hawaasichaafi humna poolisii irratti dhiibbaa olaanaa qabaata jedhan.
Obboleessi ijoollee ajjeefaman kanneenii kan umuriin waggaa 14 haalaan madaa'un ammalleen hospitaalatti wallaanamaa jira.
Haati isaanuii kan umuriin waggaa 40ta keessatti argamtus miidhaan akka irra hin geenyeef amma maatiidhaan deeggaramaa jiraachu hime poolisiin.
Bakki mana jireenyaa ijoolleen kunneen itti ajjeefaman, Roozfild keessatti, yeroo baayyee namoonni hedduminaan mul'atu.
Namoonni dhufanii callisanii habaaboo fi ergaa kaa'aniin booda bo'ichaafi wal hammachuun callisanii bahanii deemu.
Daa'imman dabalatee namoonni baayyeenis taatee ajjeechaa guyyaa Dilbata barii raawwatame arganiiru.
Hiriyyoonni mana barnootaa Chelsiyaa fi Kisrtiin mana barnootaa irraa deebii'aniiru, garuu lakkuulleen kunneen achi hin jiran.
Miseensoonni maatii mallattoo ''Ergamtoota keenya. Hiriyoota keenya gaarii. Gonkumaa isin hin irraanfannu,'' jedhu ala mana isaanii kaa'aniiru. Qalbiin hawaasa naannichaa sababii ajjeechaa ijoolleen kanneenitiin cabeera. Namitichi ajjeechaa kanaan shakkamee to'atames achuma buufata poolisii jira. Taatee kanaan walqabatees nama biraa shakkan homaa akka hin jirre hima poolisiin.
Namtichi kunis osoo jeequmsa hin kaasiin dura mana Kibbaa-lixa Dubliiniitti argamu taaksiin akka deeme amanama.
'Lizaan hirriyaa cimtuu'
Komishinar Haaris akka jedhaniitti, battaluma ollaan taatee kana irratti eeruu kenneen poolisiin hatattamaan deebii kenne.
Nama naannicha ture kamiiyyuu yeroo kamittuu yoo dhimma mudate kanarratti odeeffannoo qabaatan akka poolisii quunnamaniif waamicha taasise.
Qorannoon reeffaa shamarree Liizaa Kaash irratti kan gaggeeffame yoo ta'u, kan ijoollee lakkuulee ammoo Wiixata kaleessaa akka raawwatamu himameera. Liizaan qormaata ishee dhumaa bara darbe xumurte.
Daareektarri mana barnootaa Liizaa duraanii, Keevin Shortaal, ''Liizaan shamarree kabajamtuufi jaalatatmuu turte'' jechuun BBC Newstti himan.
Itti dabalunis, ''Lizaan hirriyaa cimtu, obbooleettii guddoo'' turte, kanaafuu yoomiyyuu ni yaadatamti jedhan.
Manni barnootichaas namoonni 'bakka tokkotti walitti qabamuun gaddasaanii akka baafataniif' eddoo qopheesseera jedhan.