Konkolaataan ittisa balaa ibiddaa Peeruutti xiyyaaraan walitti bu’e shaakalarra ture jedhame

Madda suuraa, Reuters
Peeruutti Jimaata darbe gaafa Sadaasa 18, 2022 konkolaataan ittisa balaa ibiddaa buufata xiyyaaraa, imaltoonni itti baayyatu keessatti xiyyaara ka’uuf tureen waliitti bu’e, kan shaakala irra ture akka ta’e aanga’oonni biyyattii himan.
Magaalaa guddoo Peeruu kan biyya Kibba Ameerikaa Taatee, Liimaa keessatti kan argamu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Jorge Chávez keessatti ture Jimaata darbe xiyyaarri imaltootaa erga konkolaataa ittisa balaa ibidaatiin waliitti bu’een booda lubbuun hojjattoota ittisa balaa ibiddaa lama kan darbe.
Balaa qaqabeen walqabatee imaltoota xiyyaaricha keessa turan miidhaa qaamaa qaqabuun ala namni du’e akka hin jirree gabaafame.
Abbaa qabeenyaa xiyyaarichaa kan ta’e Hojii gaggeessaan Daandii Qilleensaa LATAMA akka jedhaniitti, xiyyaarichi bakki balali'insa dura irra fiigu banaa waan tureef akka ka’uuf hayyama argatee ture.
Haata’u malee, yeroo sanatti hojjattoonni balaa ibiddaa buufata xiyyaaraatti shaakala barame taasisaa turan jedhameera.
Waraabbiin viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodame akka mul’isetti xiyyaarichi konkolaatichaan walitti bu’ee hanga dhaabbatuutti ibiddi itti qabachuun saffiisaan balali’aa akka ture agarsiise.
Ibsi dhaabbanni buufata xiyyaaraa bulchu baaseen akka jedheetti, hojjattoonni ittisa balaa ibiddaa qophii yeroo balaatiif jecha shaakala taasisuuf qophii gara dirree irra balaliinsaan dura fiigamu keessa seenuuf qophii barbaachisu hunda taasisanii ture.
Sa’aatiin leenjiichaa kutaa to’annoo balali'insaatiin kan mirkanaa’ee ta’ulleen, xiyyaarrii balali'insa biyya keessaa taasisuuf ture konkolaataa ittisa balaa ibiddaa waliin walitti bu’uun balichi umameera.
Haata’u malee balaa sana ilaalchisee yaadni qaama to’anno balali'insa biyyattiifi qondaaltoota daandii qilleensichaatiin kenname kan wal faalleessudha jedhamaa jira.
Kibba Ameerikaatti Buufanni Liimaa xiyyaaraa idil-addunyaa jidduugala balali'insa mummee ta’es balaa mudateen booda sa’aatiiwwan 24’f hojii dhaabee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaa mudatee tureen hojjattoota ittisa balaa ibiddaa lama kan lubbusaanii dhabaniin alatti, imaltoota keessa kan du’e akka hin jirree daandiin qilleensichaa barreeffama toora tiwitara isaarratti barreesseen himeera.
Haata’u malee, hojjattoota 20 xiyyaara keessatti miidhaaf saaxilaman wal'aansi taasifamaaf jiraachuufi isaan keessaayis lama irra miidhaa cimaan qaqabu Ministeerri Fayyaa Peeruu beeksiisera.
Qondaalli hospitaalaa tokko, balaadhaan booda hojjataan ittisa balaa ibiddaa umuriinsaa wagga 31 ta’e tokko haalaa yaaddeessaa ta’eerra ta’uun wallaansa argataa jiraachu ibseera.
Pirezidantiin Peeruu, Peediroo Kaastiiloo balaa mudate hordofuun miidiyaa hawaasaa irratti ergaa dabarsaniin, hojjattoota sababii balaa qaqabeetiin lubbunsaanii darbe maqaasaanii eeruun gadda itti dhagahame ibsaniiru.
‘‘Maatii hojjattoota ittisa balaa ibiddaa gootota ta’aniifi kanneen lubbuusaanii dhaban, Angeel Torees fi Niikolaas Saantaa Gaadeetiif, gadda cimaa natti dhagahame onnee koo irraan ibsadha,’’ jechuun toora tiwitara isaanii irratti barreessan.












