Xiyyaarri balali'uuf ka'aa ture konkolaataa ittisa balaa abiddaatti bu'uun lubbuun namaa darbe

Madda suuraa, Mauro A Frreira
Buufata xiyyaaraa Peeruutti xiyyaarri balalliif ka’uuf ture konkolaataa ittisa balaa abiddaatti bu’uun namootni lama ittisa balaa abiddaa irratti hojjetan du’an.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Latam Jimaata kaleessaa ture yeroo ka’uuf jedhu Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Horhee Chaavez magaalaa Liimaa keessatti kan konkolaataa ittisa balaa abiddaatti bu’e.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame yeroo xiyyaarichi daandii isaa lafa jiru irra fiigaa abiddi itti qabatu agarsiisa.
Imaltoota keessaa akkasumas garee balaliistotaa keessaa namni du’e hin jiru jedhe daandiin qilleensichaa.
Namni ganna 31 ittisa balaa abiddaa irratti hojjetu haala hamaa keessatti argama, akka hojii gaggeessaa olaanaa hospitaala EsSalud jedhanitti.
Ministerri Fayyaa Peeruu namootni 20 miidhaan qaamaa irra gahe yaalamaniiru, namootni lama akka malee miidhamaniiru jedhe.
Yeroo xiyyaarichi balaliif ka’uuf jedhetti konkolaataan ittisa balaa sun maaliif sarara balalii xiyyaarichaa keessa akka gale wanti barame hin jiru.
Hojii Gaggeessaan Latam Maanu’eel Vaan Oordit xiyyaarichi imalaaf waan barbaachisu hundaa guutatteera jedhan.
‘’Konkolaatchi maaliif akka achi keessa gale nuuf hin galle. Tajaajila akka kennaniif isaan hin gaafanne,’’ jedhan.















