Israa'el fi Gaazaan lola guyyaa sadii booda waraana dhaabuf waliigalan

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY VIA GETTY
Israa'el fi hidhattoonni Islaamik Jihaadii Filisxeem (PIJ) lola guyyaa sadiitiin namoonni 43 erga ajjeefamanii booda waraana dhaabuuf waliigalan.
Gareen PIJ akka beeksisetti, waliigalteen waraana dhaabuu kaleessa halkan walakkaa irraa kaasee hojiirra oole.
Israa'el fi fi hidhattoonni PIJ waraana akka dhaabaniif gahee jaarsummaa kan bahe Masiriidha.
Waajjirri Muummee Ministeera Israa'el Yaa'ir Laappid waraana dhaabuuf walii galteerra gahamuu mirkaneesseera.
Bara 2021'tti waraana guyyoota 11f Israa'el fi Gaazaa gidduutti erga gaggeeffamee asi kun isa cimaadha.
Hanga sa'aatin waraana dhaabuu gahutti waraanni Israa'el iddoowwan buufata garee PIJ ta'an irratti haleellaa fudhataa akka ture beeksise.
Erga sa'aatin itti waraana dhaabuu gaheen booda ammoo, rookkeettiwwan muraasni yeroo gabaabaaf gara Israa'elitti dhuka'aa akka tures miidiyaalen Israa'el gabaasaniiru.
Ergasii garuu garee lamaanuu walitti hin dhukaasne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Israa'el akka jedhetti haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti fudhachuu kan eegaleef garee PIJ irra sodaan nageenyaa waan irra gaheefi. Kunis gaggeessaa olaana garichaa Weest Baank keessatti erga qabamee to'annoo jala oolee torbee tokko booda.
Namoota 44 du'an keessaa 15 daa'imman ta'uu fi namoonni 300 ol madaa'uu isaanii Ministeerri Fayyaa Filisxeem beeksise.
Ajajaa waraanaa garee PIJ Kaalid Mansur dabalatee, namoota haleellaa qilleensaa Israa'el gaggeessiteen ajjeefaman awwaaluf namoonni kumaatamni bahanii mormiis dhageessisaa turan.
Hiriirri Gaazaa deeggaruu Weest Baank magaala Nablusittis gaggeeffameera.
Gaazaa keessatti rakkoon deeggarsa namoomaa hamaan akka hin mudanneef jecha walii galteen waraana dhaabuu gaggeeffameera.
Angawoonni fayyaa akka jedhanitti, hospitaalota keessatti boba'aa jenereetaraa kan guyyaa lamaaf oolu qofaan hafee akka ture dubbatu.
"Haleellaa Israa'el uummata keenya irratti gaggeessitu akka dhaabatu gochuu isheetif Masiriin ni galateeffanna," jedhe oduu himaan garee Islaamik Jihaadii Filisxeem Taariq Seelmi.
Walii galteen kun kan cabu taanan haleellaa cimaa fudhachuu akka itti fuftu Israa'el beeksifte.
Rookkettiwwan gara Israa'elitti dhukaasuf jedhuun, garichi Gaazaa, Jabaaliya keessatti ijoollee hedduu ajjeessuu Israa'el himattee turte. Himannaa Israa'el kana BBCn mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Walitti bu'iinsi haaraan kun erga Israa'el gaggeessaa PIJ'ti kan jedhame Baasem Saadii Weest Baank keessatti to'annoo jala oolchiteen booda.
Haleellaa kanaan dura Israa'el keessatti mudatee lammiilee Israa'el 17 fi lammiilee Yukreen 2 du'aaf saaxileen wal qabatee, Israa'el namoota hedduu to'annaa jala oolchitee ture.
Namoota haleellaa lammiilee nagaa irratti haleellaa gaggeessan keessaa lama naannoo Jeniin irraa kan dhufaniidha.
Gareen kun Iraan irraa deeggarsa gudda yoo argatu wiirtun muummee isaa magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqodha.
Bara 2019 tti gareen PIJ fi Israa'el waraana guyyaa shanii gaggeessanii turan. Sababni isaa ammoo Israa'el ajajaa garichaa ajjeesuu ishee hordofee ture.
Lola yeroo sanaatin lammiileen Filisxeem 34 du'anii 111 yoo madaa'an, gama Israa'elin ammoo namoonni 63 madaa'anii turan.












