Hilikooptaroonni lama qilleensarratti walitti bu'anii namoonni afur du'an

Madda suuraa, EPA
Awustiraaliyaatti hilikooptaroonni lama qilleensarratti walitti bu'anii lubbuun namoota afurii darbuun kaan madaahan.
Poolisiin Queensland gabaasa qorannoo jalqabaa bu'uureffachuun akka gabaasetti, balaan kun kan mudate hiliikooptarri inni tokko balalii'uf osoo ka'aa jiru inni biraan ammoo qubachuuf wayita jedhu ture.
Namoonni afran du'an hilikooptara tokkicha keessa kan turaniidha. Imaltoonni biroon sadii haala yaaddessaa keessa jiru.
Dubbii himaan waajjira haajaa alaa UK warra lubbuun darbe keessaa lama lammiilee biyyattii ta'uu ibseera. Eenyummaan namoota lamaanii hin ibsamne.
Hilikooptara isa kan biraa keessa ammoo imaltootni jaha kan turan yeroo ta'u isaan keessaa shanirra miidhaan salphaan gaheera. Hilikooptarichis atattamaan qubachuuf dirqameera.
Ministirri Muummee biyyattii Antonii Albanees biyyi isaanii balaa ''gaddisiisaafi hamaa'' kanaan nahuu ibsaniiru.
Waajirri nageenya geejibaa Awustiraaliyaa sababa hilikooptaroonni lameen walitti bu'uu danda'aniif qorachaa akka jiru ibseera.
Hilikooptarootni lameen Kibba Biriisban irraa km 75 fagaatuufi qarqara galaanaa daawwattoota hawwatu Main Beach jedhamutti walitti bu'an.
Bu'aan qorannoo kanaa inni jalqabaa torbanoota jaha keessatti ifa akka godhamu eegama.
Bulchiinsi Gold Coast bakka amma balaan kun qaqqabe yeroo tuuristoota hedduu keessummeesiturra argamti.












