Waldaan Makkaane Yesuus amantoonni waldattii 9 Gambeellatti hidhattoota Sudaan Kibbaan ajjeefamuu beeksisfte

Maxxanfame

Waldaan Warra Wangeelaa Makkaane Yesuus naannoo Gambeellaatti dhukaasa hidhattoonni Sudaan Kibbaa irraa dhufan raawwataniin amantoonni sagal sagantaarra turan ajjeefamuu beeksifte.

Haleellaan kun kan raawwatame A L I Caamsaa 12, 2015 waareee booda sa'aatii 11:00 irratti yoo ta'u, namoota ajjeefaman keessatti daa'imni umurii waggaa ja'aafi dubartiin harma hoosiftu tokko akka turte Waldattiin kaleessa, Caamsaa 29, 2023 ibsa baasteen beeksifteetti.

Haleellaan kun kan qaqqabe Naannoo Tajaajila Sinoodosii Beetel Gambeellaa Lixaa keessatti ganda Mattaarraa jedhamtu keessattidha.

Haleellaa kana kan raawwatan Sudaan Kibbaa irraa kan galan hidhattoota Gosa Murillee akka ta'an kan ibsite Waldaan Warra Wangeelaa Makkaane Yesuus, kanneen du'aniin alattis baayyeen haleellaa kanaan madaa'aniiru.

Kora dubartootaa Sinoodoosichaan qophaa'e jedhame kana irratti dubartoota, haadholiifi daa'imman 2,700 ol ta'an irratti hirmaataa turan.

Hirmaattonni sagantaa guyyaa erga xumuraniin booda yeroo irbaataaf taa'anii jiranitti haleellaan raawwatamuu odeeffannoon waldittiirraa argame ni mul'isa.

Hidhattoonni kunneen daa'imman ukkaamsanii humnaan fudhachuuf yeroo yaalanitti haadhotiin waan dhowwataniif hidhattoonni kunneen dhukaasa banuun ajjeechaa kana raawwatan jetteetti ibsa baasteen Waldattiin.

Haadhotiin haleellaa kanaan mda'an baayyeen Hospitaala Sadarkaa Tokkoffaa Gambeellaatti argamutti wallaansa argachaa jiru jedhameera.

warra madaa'an keessaa lama haala yaaddessaa irratti akka argamanis ragaaleen waabeffachuun ibsichi eeraara.

Gaggeessitoonni Sinoodosii Beeteel GAmbeella Lixaa ganda haleellaan kun itti raawwatametti argamanii gargaarsa taasisanis maatii miidhaan irra gaheef ammallee gargaarsi atattamaa akka barbaachisu eerameera.

Bakka haleellaan kun itti raawwate kanatti ijoolle eukkaamsanii fudhachuufi saamichi loonii irra deddeebiin kan mul'atu kan hime ibsi kun, hordoffiifi xiyyeeffannoon mootummaafi qaamni nageenyaa ilaallatu taasisan caalaa cimee akka itti fufu Waldattiin waamicha dhiyeessiteetti.

Naannoo gambeellaatti haleellaan hidhattoota gosaa Sudaan Kibbaa irraa daangaa qaxxaamuranii dhufaniin raawwatamu irra deddeebiin kan mudatu yoo ta'u, warri haleellaa kana raawwatanis namootarra miidhaa geessisuun alattis daa'immaniifi loon saamanii deemu.

Haleellaa kanaan dura irra deddeebiin raawwatame hodofuun mootummaan Itoophiyaa aanga'oota Sudaan Kibbaa waliin dubbachaa jiraachuusaa ibsuun isaa ni yaadatama.