DR Kongootti haleellaa hidhattoonni raawwataniin dhukkubsattoonni jiraatti gubaman

Maxxanfame

Haleellaa Baha DR Koongootti taasifameen namoonni 20 ajjeefamuufi namoonni baay'een immoo butamuu UN hime.

Kanneen du’an keessaa daa'immaniifi dhukkubsattoonni yoo xiqqaate afur tahan kiliinika waldaa Kiristiyaanaa bulchiinsa Kaaba Kiivuu jedhamtutti ajjeefaman.

Haleellaa raawwate kanaaf gareen hidhataa Allied Democratic Forces (ADF) jedhamuufi garee IS waliin hidhata qabutu himatame.

Hidhattoota biyyattii keessa socho’an keessaa inni kun isa balaafamaa yoo tahu, Ameerikaan ‘shororkeessaa’ jechuun labsiteetti.

Bulchiinsa Kivuu keessatti ammallee lolli cimaan adeemsifamaa jira jedhan kanneen ijaan argan. Waraanni Kongoo fi nagaa eegsistoonni UN immoo bakkichattii garee kana lolaa jiru.

Gareen fincilaa kuni Kamisa darbe kiliinika magaalaa Lumee jedhamtu keessatti argamu haleeluun lola jalqabe. Kanaanis dhukkubsattoota afur kiliinika keessa lubbuun otoo jiranii gubatan dabalatee namoonni baay'een du’aniiru.

Ergamni nagaa kabachiisaa UN biyyattii jiru manneen naannichaa dhibbaan lakkaa’amanis barbadaa’aniiru jedhe.

Daa’imman 30 dabalatee namoonni baay'een achii buuteen isaanii dhabamuufi garee hidhataa kanaan butamuu hin oolles jedheera.

Nagaa eegsiftoonni UN garee hidhataa kanaa wajjin bulchiinsa Ituuri keessatti walitti dhukaasuus himan.

DR Kongoo biyya albuuda uumamaan badhaate yoo taatu gareewwan hidhattootaa M23 fi ADF dabalatee yeroo dhihoon asitti lolli akka haaraattii keessatti babal’achaa jira.

Baatii darbe  hoggantoonni Hawaasa Afrikaa Bahaa(East African Community) humnoota biyyoota isaanii erguun mootummaa Kongoo akka gargaaran waliigalaniiru.