Yugaandaan doolaara miil 325 DR Koongoof akka kaffaltuuf maaliif itti murtaa'e?

Maxxanfame

Yugaandaan waldhabdee Rippaablika Dimokraatawaa Koongoo (DR Koongoo) keessatti qooda qabaachuusheef doolaara miiliyoona 325 akka kaffaltuuf ajajamte.

Manni Murtii Haqaa Idil-Addunyaa (ICJ), Yugaandaan bara 1998 hanga 2003 gidduutti biyyattii weeraruu isheetiin seera idil-addunyaa cabsiteetti jechuun murteesseera.

Abbootiin Murtii naannoo baha Ituri keessatti ajjeechaa namoota 10-15,000’f Yugaandaan akka itti gaafatamtu bira gahaniiru.

Dabalataanis loltoonni Yugaandaa biyyittii keessaa warqee, daayimandii fi mukkeen saamuu isaanii argameera.

DR Koongoon beenyaan doolara biiliyoona 11 akka kaffalamuuf gaaffattus, abbootiin murti garuu himata dhiyaate keessaa gariin haquun, gati gadi aanaa murteessaniiru.

Yugandaan maallaqa kana wagga waggaatti doolara miiliyoona 65’n gargar hiruun bara 2022 hanga 2026’tti akka baastuuf ICJ’n ajajeera. Kaffaltiin iini duraa Fulbaana keessa kanfalamuu qaba jedhameera.

Yugaandaan doolaarri biiliyoonaa DR Koongoon gaaffate dinagdee ishee akka balleessuu himuun falmiteetti.

Manni murtichi kaffaltiin amma murta’ee “dandeettii Yugaandaan kaffaluu dandeessuu” keessa akka ta’u ibseera.

Doolarri miiliyoona 325 kun murteeffame:

  • Doolara miiliyoona 225 miidhaa namarra ga’eef
  • Doolara miiliyoona 40 miidha qabeenyarra ga’eef
  • Doolara miiliyoona 60 qabeenya uumamaa saamameef

Murtee dabarse irratti, manni murtii kun, “miidhaa namaa fi qabeenya irra ga’eef beenyaan DR Koongoof kaffalamu kun, sababa Yugaandaan itti gaaffatamummaa idil- addunyaa ishee cabsiteef namoota fi hawaasa miidhaman kan mul’isudha,” jedheera.

DR Koongoon miidhaa biyyashee fi lammiilee irratti ga’eef himata kana Yugaandaa irratti kan dhiyeessite bara 1999’tti dha. Looltoonni Yugaandaa saamichaa fi mirga namoomaa sarbuu isaaniin himatteetti.

Waggootii dheeraaf lixa DR Koongoo albuudaan badhaate keessatti humnootiin hidhatan hedduun hokkora uumaa turaniiru.

Bara 1990’n keessa looltooti Yugaandaa fi Ruwaandaa, ollaa isaani DR Koongoo si’a lama weeraruun, finciltoota biyyattii waliin ta’uun mootummaa fonqochuuf yaalaniiru.

Humnooti kun garuu, waldhabdeen DR Koongoo keessa ture daangaa ce’ee gara isaanii akka hin dhufneef jecha jidduu seenuu isaanii falmu.

Murteen mana murtii kana isa dhumaa fi kan geeddaramuu hin dandeenye ta’us, manni murti addunyaa kun murtee isaa kana hojiirra oolsisuu hin danda’u.