Taatoo beekamaa Shoon Kilaawud Vaan Daamiif paaspoortiin dippiloomaatii Koongoo kennameef

Maxxanfame

Taatoo beekamaan filmii hooliiwuud fi lammiin Beeljiiyeem Shoon Kilaawud Vaan Daam paaspoortii dippiloomaatii Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo kennamuufiin akka isa gammachiseefi taatoowwan gara biroo Koongoo akka doowwataniif akka taasisuu beeksiise.

''Taatoowwan bebbeekamoon akka Siilveestar Istaaloon, Shiwaaziniigar fi Jaakii Chaan fa'i akka Koongoo akka doowwataniif amansiisuun yaala,'' jedhee taatoon waggaa 61 Vaan Daam wayita Kinshaasaatti paaspoorticha fudhate.

Vaan Daam ambaasaaddara aadaa, dargaggootaa fi bineensoota daggalaa biyyattii taasifamuun filatameera.

''Namoonni beekamoon kaanis dhufuu ni danda'u. Fakkeenyaaf weellistuu Jeenifar Loppeez, taphatoonni kubbaa miilaa kan akka Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Liiyooneel Meesii fakkaatan gara Koongoo dhufuun biyyattiin nagaa ta'u agarsiisuu qabu.

''Koongoon namoota beekamoof mijattuu ta'uufi nageenya isaaniis akka tiksitu hubachiisuun barbaada,'' jedhe.

Koongoon biyya waggoota kurnan darbaniif nageenyaafi tasgabbiin dhabiisaan rakkataa turte fi keessattuu kutaan baha biyyatti naannoon albuudaan badhaadheetti walitti buu'insii hidhattootaa irra deddeebiin kan itti mudatuudha.

Naannoo kanattis saamichi, ajjeechaafi yakkawwan dirqiin gudeeduu akka mudatan irra deddebiin gabaafamaa tureera.

Tibba tokkootti injifataa Maarshaal Aartii kan ta'e Vaan Daam filmiiwwan akka Cyborg, Kickboxer fi Universal Soldier if kaan keessatti sadarkaa idil-addunyaatti taatoo beekkamtii argateedha.

Taatoon kunis erga paaspoorticha fudhateen boooda ibsa kenneen,Dr Koongoo keessatti dhalachuu ibsuun isaa baay'ee dinqiisiiseera. Vaan Daam kutaa biyyaa Dr Koongoo gama bahaatti argamtuufi Magaalaa Liikaasii jedhamuutti dhalachu dubbate.

Yeroon kunis bara DR Koongoon Beeljiyeem irraa bilisummaa ishee itti labsite ture. Vaan Daam itti dabaluunis invastimantii gara Koongootti hawwachuun bu'aa olaanaa akka qabaatu dubbateera.

''Osoo albuudni DR Koongoo keessatti argamu tilmaamamee hanga doolaara tiriiliyoona 36 ni ta'a. Itti-gaafatamummaa kiyya kan ta'u ammoo namoota biyyattii keessatti maallaqasaanii dhangalaasu barbaadan argachuufi jalqaba lammiileef waan gaarii gummaachu akka qabaatan hubachiisuudha.

''Kana malees pirezidaanti Feeliiks Shisekedii waliin amantaa olaanaan hojjachuun akka danda'amu agarsiisuun barbaada'' jedhe.

Haata'u malee, heera Dr Koongootiin lammii biyya lamaa ta'uun dhorkaa yoo ta'u, namoonni muraasnis paaspoortii haaraan Vaan Daam kun hangam bu'a qabeessaa akka ta'urratti yaaddoo isaanii ibsaniiru.