Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kelvin Kiptum: Pireezidant Ruutoo maatii atileetii du'eef mana ijaarsisaa jiru
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo atileetii dhiyeenya lubbuu dhabe Kelvin Kiptumiif manni akka ijaaramu ajaja dabarsan.
Bulchaan biyyattii kun ogeeyyii gara mana atileetii rekoordii maaraatoonii harkaa qabu kanatti erguun, manni kutaa sadii qabu akka ijaaramuuf ajaja kennan.
Atileetiin kun torban dabre keessa, ganna 24tti balaa konkolaataan lubbuu dhabuusaan dura, maatiisaaf mana ijaaruuf karoora harkaa qaba ture.
Waajirri pireezidaantichaa gabaasaaleen miidiyaa manni ijaaramu kun owwaalchasaaf qaqqabuu qaba jechuun gabaafame sirrii miti jechuun kuffise.
Bakka bu'aan maatii atiletichaa, ijaarsi manaa eegalamuu mirkaneesseera.
Ijaarsi mana kanaas lafa qonnaa kaaree meetira 16,000 ol tahu atileetichi biteerratti akka tahes barameera. Kiptuum lafa naannoo Rift Vaalii keessatti argamu kanarra, barana mana irratti ijaaruuf karoorfatee ture.
"Injinaroonni sadii [ijaarsaaf as jiru]. Qondaalonni mootummaa olaanoos hordoffii taasisaa jiru," jechuun dubbi-himaan maatii kanaa Filipp Kiplaagaat BBCtti himan.
Manichis guyyoota taaziyaa 40'n booda ni xumurama jedhamee eegama.
Owwaalchi atileet Kiptuum Guraandhala 24 irratti raawwata.
Atileetiin ijoollee lama qabu kun, konkolaataan inni konkolaachisaa ture to'annoo ala tahuun bo'oo keessa bu'ee lubbuun darbuu poolisiin biyyattii himeera.
Leenjisaan isaa lammii Ruwaandaa Jarvees Hakizimaanaa wajjin konkolaataa keessa tures, balaa kanaan lubbuun darbeera. Dubartiin isaan wajjin imalaa turte, balaa kanaan miidhaan irra gaheera.
Abbaan Kiptuum, balaan kun mudachuun dura namoonni hin beekamne afur atileetii kana gaggaafachaa turan jechuun, qorannoon akka raawwatu gaafataniiru.
Ammatti shakkamtoonni kunniin poolisiin to'atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu, miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Atileetii Keeniyaa rekoordii maaraatoonii addunyaa harkatti galfachuun ji'a afuriin booda duutisaa dhagahame kanaan, namuu akkaan nahe.
Kiptuum fiigicha maaraatoonii sa'aatii lamaa gadi fiiguun seenaa keessatti nama jalqabaa ta'uuf abdata ture.
Karoorasaa kanas Ebla keessa dorgommii Rotardaamitti gaggeeffamu irratti galmaan gahuuf kaayyeeffatee ture.