Paastariin Ameerikaa osoo waldaa keessatti barsiisaa jiranuu hidhattootaan butaman

Madda suuraa, Fellowship Baptist Church
Paastariin Ameerikaa Afriikaa Kibbaatti waldaa amantootaa tokko keessatti osoo lallabaa jiranu garee meeshaa hidhatan waldaasaanii keessa seenuun butanii fudhachuu aanga'oonni naannichaa ibsan.
Paastariin Joosh Suuleevaan jedhaman bulchiinsa Baha Keep keessatti kan argamtu magaala Gaabiraa irraa guyyaa Kamisaa batasakaana 'Fellowship Baptist Church in Motherwell' osoo barsiisaa jiranuu ture kan ukkaamsamanii fudhataman.
Dubbii himaan poolisii Kaapteen Andree Beeteej BBCtti akka himaniitti, ''namoota hidhatan afur fi dhiiroota fuulasaanii dhoksan ta'udhaan paastaricha ukkaamsanii fudhatan'' jedhan.
Hidhattoonni kunneen osoo batasikaanicharraa hin baqatiin dura bilbilawwan lama hataniiru. Isaan boodas paastarii umuriinsaa waggaa 45 kana kokolaataa Toyoottaa keessa buufachuun baqatan jedhameera.
Boodarra polisiin konkolaaticha argatulleen paastaricha garuu eessa akka geessan baruu hin dandeenye.
Dubbii himaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa, paastarii lammii Ameerikaa kun Afriikaa Kibbaatti hidhattootaan ukkaamfamuun fudhatamu baruu BBCtti himaniiru.
Waajjirri dhimma Alaa Ameerikaa kun itti dabaluudhaan ''nageenyummaa lammiilee Ameerikaa dhimma dursa kenniinuufiidha'' jedhan.
Dubbii himaa poolsii biyyattii akka jedhaniitti, dhimmichi humna poolisii addaa Afriikaa Kibbaatti darbeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen kutaa poolisii addaa Afriikaa Kibbaa 'Hawks' jedhamuun beekamu gareewwan yakkaa balaafamoo fi kan malaamaltummaa olanaa qoratuudha.
Dubbii himaa garee 'Hawks' kanaa Koloneel Aveelee Faambaa ''poolisiin nama kana argachuudhaaf filmaatawwan hunda ilaalaa jira'' jedhan.
Dubbii himaan maatii paastarichaa, Jarmii Hool akka jedhaniitti, paastarichi haadha warraa fi ijoollee saanii waliin batasakaan turan.
Hidhattoonni ukkaamsanii fudhatanis ''maqaasaa beekuu turan'' jedhaniiru.
Haatii paastarichaa Tooniyaa Mortoon Riinkar taatee kanaan baayyee onneensaanii cabuu toora Facebook isaanii irratti barreessaniiru.
''Amantoonnii fi imbaasiin Ameerikaa argachuuf barbaadaa jiras'' jedhan. Erga paastiricha butanii fudhatanii booda qaamni maallaqa gaafates akka hin turre miidiyaan Niiws24 gabaaseera.
Paastarichi ''mishinaarii batasikaana babal'isu'' ofiin jechuudhaan marsariitii ofii isaarratti barreesse.
Maatii isaanii waliin gara Afriikaa Kibbaa kan imalan bara 2018 keessa yoo ta'u, kaayyoon isaaniti namoota Afaan 'Xhosa' dubbataniif bataskaana hundeessuudha.
Baroota darban keessa Afriikaa Kibbaatti namoota ukkaamsanii butuun parsanataa 264n dabalu odeeffannoon poolisii ni mul'isa.
Guyyoota muraasaan duras lammiin Chaayinaa tokko magaalaa Gaabiraa keessatti butameera.












