Riyaal Maadiridiifi Maanchister Siitiin Shaampiyoonsi Liigii keessaa kufuufii?

Liiverpuul 2-0 Riyaal Madirid

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Liiverpuul Piriimer Liigiis, Shaampiyoons Liigii Awurooppaas dursaa jira. Liiverpuul dirree galchii Maak Alisterii fi Gaakpoodhaan 2-0n Riyaal Maadiridiin mo'ate.

Yeroo 15 shaampiyoonaa Awurooppaa kan tahe Riyaal Maadirid kaleessa Aanfiildi irratti mo'amuun sodaa ganamaan dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuu keessa gale.

Kiiliyaan Imbaappen yeroo Maadiriid galu kana booda kileba kamtu isaan dhaaba jehamee ture. Gahumsi isaa gadi bu'aa dhufuun garuu gaaffii biraa baka isaa malee waan taphatuuf jedhamu kaase.

Viinishiyeesh Juuner miidhamnaan bakka duraan beekamurra kan taphate Imbaappeen kaleessa Konor Biraadilii darbuuf rakkataa ture.

Maadiriid tapha lama qofa mo'achuun qabxii jaha argate. Sadarkaa 24ffaa irra jira.

Akka ramaddii Shaampiyoonsi Liigii haaraa bara kana jalqabeetti ammoo kileboonni tokkoo hanga saddetii keessa galanii xumuran kallattumaan darbu. 8-24 kan jiran ammoo tapha mo'atanii darbuu taphachuun gara 16tti makamu.

Riyaal Maadirid yoo carraan darbuu qabaats kana booda carraan isaa taphoota mo'atanii darbuuf gahuun taha.

Laaliigaa keessattis sadarkaa lamaffaa irra kan jiru Maadirid taphattoota urjii akka Imbaappee, Viinishiyees, Roodiriigoo fi Beeliingihaam fa'aa qabatee qabxii akkasii galmeessa jedhamee hin eegamne.

Waamichi Yargen Kiloop gaafa Liiverpuuliin gadhiisu Arnee Islootiif taasise filannoo sirrii kilebichi fudhate tahuu agarsiisa.

Kiloop garee cimaa Islootiif dhiisee deeme. Isloot erga Liiverpuul dhufee taphoota 17 mo'atee tokko qofa mo'amuun tokko ammoo qixa baheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deeggartoonni Liiverpuul Kilooppiin bakka buusuun hojii ulfaataadha jedhanii ture. Leenjisaan hedduu jaalatamu Kiloop tasa bahuu isaa yoo labsu naasuu guddaa uumeera.

Arne Isloot garuu hojicha salphiseema deeggartoota isaa gammachiisaa jira.

Shaampiyoonsi Liigii keessatti taphoota shan taphatan hundaa mo'aniiru. Dabalataan Piriimer Liigii keessatti qabxii saddetiin dursaa jiru.

Sanbata dhufu ammoo ofiiyyuu rakkoo keessa kan jiru maanchister Siitii morkatu. Sanuu Maanchister Siitiin taphoota jaha dorgommii adda addaan Liiverpuul waliin dhiyeenya godhe keessaa tokkoyyuu hin mo'anne.

Liiverpuul tapha kana mo'annangaraagarummaan qabxii isaanii 11 tah. Kun ammoo Maanchister Siitiin wlaitti aansee akka waancaa Piriimer Liigii hin mo'anneef dhaabuu danda'a.

Riyoo Ferdinaandi ''gareen Liiverpuul kun waan waancaa beela'an fakkaatu. Isloot dhaqaatii injifannoo adamsaa jechuun dirreetti waan isaan baase fakkaata'' jedh.

Isloot garee cimaa akkasii irratti gareen isaa gahumsa akkamii akka garasiisan arguu barbaada ture. Amma amansiisee waan mo'ateef kileboota Awurooppaa keessa jiran hundaaf waan dhaame qaba jedhe Ferdinaandi.

Maanchister Siitiin sadarkaa 17ffaa irra jira. Atleetiikoo Maadiridii fi PSG kileboota biroo dorgommicha keessaa bahuuf fiixeerra jiran keessaati.