Morkiin Viilaa wajjin goonu akka tapha xumuraati - Gaardiyoolaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sababa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii isaanii bara dhuftuu murteessuuf morkiin Piriimiyeer Liigii Maanchister Siitiin Astoon Viilaa waliin godhan akka tapha xumuraati jedhan leenjisaa Peep Gaardiyoolaa.

Morkii Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuuf Piriimiyeer Liigii Ingiliz keessaa kilabootni shan hiree hirmaachuu argatu. Arsenaaliifi Liiverpuul hireesaanii mirkaneeffataniiru. iddoo hafte sadaniif morkii jabaatu eegama. Gareeleen shan qabxii lamaan qofa adda bahanii jiru.

Barri dorgommii kun raawwatamuuf osoo taphni shan hafuu Siitiin Kibxata har'aa dirreesaa Etihaaditti qabxii tokkoon irraa fagaatee sadarkaa torbaffaarra kan jiru Aston Viilaa keessummeessa.

Viilaan dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan Siitii caala milkaaheera. Siitiin marsaa mo'anii darbuurratti kufe. Viilaan ammoo nuusa xumuraa gahee PSGn mo'ame.

Tapha galgala kanaa dura yaada kan kennan Peep Gaardiyoolaa ''isaan Shaampiyoonsi Liigiidhaaf darbuuf warra morkataniidha'' jedhe.

''Tapha isaan hiriyyaakoo Luwiis Enerikee (leenjisaa PSG) waliin godhan argitanii - wow ani baayyee bayyeen raajeffadhe.''

Boodatti jedhanii suuta tapachuu danda'uu kan jedhe Gardiyoolaan, ''meeshaa qabaniin, saffisa qabaniin deemuuf murteeffatanii jennaan, baayyee qindaa'oodha'' jedhe.

''Tapha xumuraati waan ta'eef uummata keenya barbaanna. Sababni isaas uummatni keenyas Shampiyoonsi Liigii bara dhufuu barbaada. Kanaaf daqiiqaa jalqabaarraa kaasuun nu gargaaru jedheen abdadha,'' jedhe.

''Takka takka ni mucucaanna, takka takka akka gaarii hin taphannu, amma akka nu gargaaran baayyee baayyifnee barbaanna, guddisanii akka cooqan feena, sababnisaas nuuf tapha xumuraati.''

Siitii fi Astoon Viilaan barri kun raawwachuu dura hiree yeroo tokko walitti dhufuus ni qabaatu. Sun garuu dhugumatti tapha xumuraa injifataan waancaa itti argatuudha.

Morkii FA Cup walakkaa xumuraan Astoon Viilaan Nootiingihaam Foorest yoo mo'ate, Siitiin ammoo Kirsitaal Paalaasirra yoo aane gareen lameen Weembileetti deebisanii wal argu.

Gaardiyoolaan Roojersiin 'taphataa akkamiiti?' jechuun jaje

Bara dorgommii kana taphattoota Viilaa mul'achuu danda'an keessaa tokko bara tokko taphataa Siitii kan ture Mogaan Roojersidha.

Taphataan ganna 22 kun bara 2019tti Weesti Biroomich Albiyoonirraa garee Peep Gaardiyoolaatti makame. Ta'uus taphattota jalqabaa 11 keessatti hiree argachuu hin dandenye. Sababa kanaattis ergisaan gara Liinkon Siitii, Boornimaz fi Bilaakpuulitti ergameera.

Viilaaf kan mallatteesse Amajjii darbe Midilsibooroo irraayi. Ergasii goolii 14 lakkoofsiseera, 13 ammoo akka goolii ta'utti mijeessee kenneera. Achiis gareen biyyaalessaa Ingilaand akka tapahtuuf waameera.

Gaardiyoolaan ''garee isa lammataa keessa ture, darbee darbee nu waliin leenji'a halaalaa abdii akka qabu ni argina ture'' jedhe.

''Dhiibbaan Viilaa keessatti uume kan amanamu miti - taphataa akkamiiti taphata aakkasii ofiraa qabna ture.''