Lootoriin badhaasa doolaara biiliyoona 1.6 qabuufi addunyaarratti riikardiidha jedhame har'a US'tti bahuufi

Madda suuraa, Getty Images
Ji'oota sadan darban badhaafamaan carraa lootoriiwwan bahanii osoo hin argamiin hafuu hordofee hangi badhasaa lootorii Sanbata kan bahu doolaara biiliyoona 1.6 gahuun riikardii addunyaa ta'eera.
Lootoriin Jaakpoot Paawer Baal jedhamu kun yeroo bahu abaan carraan baheef gibira mootummaaf kaffalu osoo keessaa hinbaasiin doolaara biiliyoona 1.6 isa qaqqaba.
Badhaasni kun seenaa lootorii addunyaa keessatti isa guddicha jedhameera. Bara saddeet dura garuu achuma Yunaayitiid Isteets keessatti abbootiin carraa sadii badhaasa doolaara biliyoona 1.59 qooddachuu danda'anii turan.
Taphni lootorii Paawer Bool kun kan eegale bara 1992, Isteeta US 45 keessattis gurgurama.
Carraa lootorii kana injifachuuf abbaan carraa lakkofsi dijitii jahaa tikeetii isaarra jiru isa abbaa carraati jedhamee bahuun walfakkaachuutu irra jira.
Carraan kunis namoota miiliyoona 292 keessaa hiree nama tokko qaqqabuu qaba jedhama.
Carraawwan lootorii kanaa 39 darban irratti abbaan carraa hin argamne. Kan alanaas maallqichi sadarkaa riikardii addunyaatti guddatee abbaa carraa dhabamoo argataan saa'aatiiwwan dhufan keessatti murtaaha.
Abbaan carraa hiree maallaqa injifate hundasaa maallaqa callaan fudhachuu kan qabaatu yoo ta'u kanfaltiin isaa garuu waggoota kurna sadii dhufan keessatti kaffalamee xumurama.
Maallaqni dheedhiin lootorii Sanbata kana bahuuf ramadame gara doolaara miiliyona 782 gaha.
Hanga ammaatti carran maallaqaa guddaan injifatame bara 2016 namootni sadii bulchiinsota US sadii irraa doolaara miiloyoona 327 ta'u isa qooddataniidha.












