Sa’ud Arabiyaan oomisha boba’aa akka hir’istu beeksisu hordofee gatiin boba’aa dabale

Maxxanfame

Sa’ud Arabiyaan ji’a Adoleessaarraa eegaluun boba’aa guyya guyyaan gabaa addunyaaf dhiyeessiturraa barmeela miliyoona tokko akka hir’istu beeksisu hordofuun gatiin boba’aa dabale.

Miseensonni dhaabbata biyyoota boba’a oomishanii (OPEC+) gatiin boba’aa akka gadi hin buune hir’isuuf oomisha boba’aa hir’isuuf waliigalan.

Gareen biyyoota boba’a oomishanii (OPEC+) jikita boba’a addunyaa keessa 40% kan qaban yoo ta’u, murtoon oomisha boba’aa hir’isuu kun gatii boba’aarratti dhiibbaa guddaa uuma.

Murtii Sa’udii kana hrodofuun gabaa Eshiyaarratti Wixata gatiin jikita boba’aa 2.4%’n dabaluun barmeelli tokko doolara Ameerikaa 77 qaqqabeera.

OPEC+ akka ibsetti, bara 2024tti oomisha boba’aa guyyaa barmeela 1.4’n hir’isuuf karoorse.

Mariin sa’aatii 7’f biyyoonni oomisha boba’aan badhaadhan Dilbata ta’aan gatiin boba’aa hir’achuu ilaallata.

Gatiin zayita boba’aa bara darbe wayita Raashiyaan Yukireen weerartu qaala’ee ture, haata’u malee amma gatiin boba’aa sadarka waraanaan dura turetti deebi’eera.

Bara darbe gartuu dhaabbata Peetirolyeemii gara biyyoota birootti erganii fi michoonni isaanii(OPEC+) guyyaattii boba’aa barmeela miliyoona lama hir’isuuf walii galan.

Ebla bara 2023tti gareen biyyoota boba’a gara biyyooota birootti erganii kunneen oomishasaanii hanga xumura bara kanatti caalatti hir’isuuf walii galanii turan.

Ministirri Muummee ittaanaa Raashiyaa Aleksaandar Novaak garuu ‘’mariin Dilbata taa’ame waliigalteen kun hanga xumura bara 2024tti akka dheeratu taasisa,’’ jedhan.

Ministira Annisaa Sa’ud Arabiyaa kan ta'an ilmi mootii Sa’udii Abdullaziiz bin Saalmaan, yoo barbaachisaa ta’e Adooleessa boodallee dhiyeessi boba’aa guyyaatti barmeela miliyoona tokkoon hir’isuu itti fufna jedhe.