Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti gartuuleen wal-waraanan dhukaasa dhaabuuf waliigalan
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken akka jedhanitti, Sudaanitti gartuuleen wal waraanan Wixata halkan walakkaarraa kaasee dhukaasa dhaabuf waliigalan.
Ji’a kana keessaa walitti bu’iinsi erga eegalame si’a sadiif dhukaasni dhaabachuun labsamullee sadan keessaa tokkollee hojiirra hin oolle.
Bilinken akka himanitti, waraanni fi Humni Dafee Qaqqabaa Sudaan (RSF) dhukaasa sa'aatii 72 turu dhaabuf marii guyyoota lamaaf gaggeeeffame booda walii galan.
Ebla 15, 2023 waraana Sudaanitti eegale keessaatti yoo xiqqaate namoonni 400 ajjeefaniiru.
Gartuleen wal-waraanan lachuu qofa qofaasaanitti dhukaasa akka dhaaban beeksisan.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez lolli Sudaan keessaatti adeemaa jiru balaa hamtuu naannoo Gaafa Afrikaafi sanarra ol darbee biyyoota biroo qaqqabu qabata jechuun akeekkachisan.
Waraanni biyyattii keessatti erga eegalame jiraattoonni magaalaa guddoo Sudaan waraana sodaataa turan manasaanii akka turanitu itti himamaa ture.
Jiraattoonni magaalitti muddama kessa turan soorata fi bishaan dhaban.
Haleellaan boombii bu’uuraalee misooma ijoo kan akka ujummoo bishaanii miidhuun namoonni muraasni laga Naayil akka dhugan dirqisiise.
Dhukaasni dhaabbachuun namoonni nagaan magaalaa Kaartum akka gadhiisan karra banaaf.
Mootummoonni biyyoota alaa lammilee isaanii akka Sudaan keessaaa baafatan gargaara.
Lolli wirtuu Kaartum, iddoo qubsumni uummataa itti heddumatutti hammaachuu hordofee biyyoonni garaa garaa dipploomatoota fi namoota sivilii Sudaan keessaa baasuuf sardamaa turan.
Antooni Bilinken akka himanitti, Wixata ganama konkolaatoota muraasan namoota magaalicha keessaa baasuuf wayita yaalametti saamichi irra qaqqabe.
Ameerikaan hojii dippiloomaasii biyyattii keessatti hojjattu deebitee eegaluuf akka yaada qabdu himuun, haala Sudaan kessa jiru garuu’’ baayyee rakkisaadha,’’ jechuun ibsite.
Sudaan tajaajilli intarneetii addaan cituun rakkina keessa jiraachuu gartuun’ NetBlocks’ jedhamu Wixata himeera.
Magaalaa Kaartumitti intarneetiin Dilbata halkanirraa kaase addaan cite.
Amma yoonaatti lammilee Sudaaniifi biyyoota ollaa dabalatee namoonni kuma kudhanitti lakkaa’aman sababa lola kanaatiin Sudaanirraa baqataniiru.
Hasan Ibiraahim, maanguddoon ganna 91 namoota baqatan keessaa tokko.
Hasan ogeessa fayyaa sooramaan gaggeeffaman yoo ta’u, naannoo buufata xiyyaaraa magaalaa Kaartum, iddoo lolli itti hammaate jiraatu ture.
Haata’u malee, maatiisaanii waliin haala rakkisaa keessa darbuun Masriitti baqatan.
Hasan BBCtti akka himanitti, lolla waraana keessatti danqamu jala miliqaniiru, garuun konkolaataa duuba isaanii adeemaa ture tokko haleelameera.
Obbo Ibiraahim‘’maatii hedduu keesatti maanguddoota, ijoollee fi daa’immanitu argama,’’ jedhan.
‘’Warri Sudaan biyyaa baqataa jiru- kun waan gaddisiisaadha,’’ jedhan.
Imaan ab Gargaa, hakiima lammummaa Biritiish qabdufi magaalaa Kaartum ijoolleesaa waliin daawwataa turte.
Imaan akkuma lolli eegalameen balalii Firaansi mijeessiteen Sudaanirraa gara Jibutiitti geeffamte.
Imaan haadhafi abbaa ishee garmalee dhukkubsatee, haadha ishee fi obboleettii isheetti otoo nagaa hin dhaamiin muddamaan Sudaan keessaa baate.
‘’Kosiin ykn balfaan iddoo hunda guutera, biyyattiin balfa taate,’’ jechuun BBCtti himte.
Lolli irra caala magaalaa Sudaanitti kan hammaate yoo ta’u, gartuuleen wal waraanaan biyya bal’inaan Afrikaa keessaa sadaffaarratti argamtu to’achuuf wal waraanaa turan.
Humni Dafee Qaqqabaa (RSF) irra deebiin kutaalee Sudaatti bobbaafamuu hordofee waraanni Sudaan akka yaaddootti ilaaluun muddamni gidduusaanitti dhalate.