Raajiin maali, fayyaa keenyarratti balaa akka hin fidne maaltu gorfama?

Maxxanfame

Raajii (X-ray)n akkuma maqaasaa wal'aansa fayyaa isaatti raajii jedhamee haalli inni itti qaama namaa suuraa itti kaasuun kan ajaa'ibsifatan jiru.

Meeshaan raajiin ittiin kaafamu dhibeewwan garaa garaa qaama namoota keessa jiru suuraa (raajii) kaasuun wal’aanuuf oola.

Haata'u, wayita faayiidaarra oolfamuutti yoo ofeggannoon hir’ate rakina fayyaa gara biraatiif nama saaxilu akka danda'u dubbatu oggeeyyiin fayyaa.

Carallaan maashiniin raajii maddisiisu dhala dhabdummaadhaa hanga qaccee geeddaruutti miidhaa jajjabduu qaqqabsiisuu danda’a jedhu, Yunivarsitii Arsii Hospitaala Asallaatti ogeessaa raajii [X-ray] Dr Muddiin Abdullaah.

Namoonni hubannoo waa'ee meeshaa kanaa hin qabne immoo raajii na kaasii jedhanii gaafatu.

Dr Muddin dhukkubsattoonni hospitaalatti raajii yoo kaafamne wal'aansa gahaa akka hin argannetti lakkaa'u jedhu. ''Raajii osoo hin ka’iin hin galu'' jedhu jedhan yoo hubannoo namoota kaasan.

Ofii eeggannoo akkamiitu barbaachisa? Bu'aa fi miidhaan isaa hoo hangam? Kanaa fi gorsa oggeessi fayyaa waa'ee raajii irratti kennan akkasiin qindeessine.

X-ray ykn raajiin maali?

Raajiin meeshaa carallaa maddisiisuun osoo gogaa qaama namaa hin baqaqsiin keessoon qaamaa maal akka fakkaatu agarsiisudha.

Argannoo meeshaa kanaaf bu’uura kan kaa’e saayintistii lammii Jarmanii Wiiliyaam Roongen jedhamu ta'uutu himama.

Roongen teeknoloojii wal’aansa fayyaa geeddare kana bara 1895tti akka tasaa yaaalii biraa osoo gaggeessuu argate.

Gumaacha isaa kanaaf bara 1901'tti badhaasa Noobelii damee Fiiziksiitiin injifate.

Roongen argannoo isaa kana ‘X’ raadiyeshinii jedhee moggaase.

Roongen 'X’ jedhee kan moggaase herrega keessatti gatii hin beekamnee ‘X’ jedhamu irraa ka'uun ture.

Raajiin adeemsa keessa fooyyeeffamaa adeemuun dhibee qaama keessaa addaa baasuuf tajaajilaarra oole.

Raajiin akkamii dhibeewwan adda baasuuf oola?

Raajiin meeshaa ykn mala qaama namaa ykn bakka miidhame haala fakkiitiin kaasuun, sadarkaa dhibeen ykn miidhamni irra jiru hordofuu fi wal’aanuuf kan tajaajiludha.

Dr Muddin akka himanitti, dhibeewwan akka Nimooniyaa, dhibee sombaa, kaansarii sombaa, kaansarii harmaa adda akkasumas miidhama buqqe sammuu, kaansarii lafee dabalatee dhibeewwan biroo lafee miidhan adda baasuuf fayyada.

Raajiin gosa garaa garaa qaba. Raajiin sombaa, mataa, garaa fa’iitu jira jedhu oggeessi kun.

Gosti raajii filooroskoppii jedhamu ujummoo dhibee adda baasuuf akka fayyadu kaasu. Siitii iskaaniinillee raajii gargaarama jedhu barbaachisummaa raajii yoo ibsan.

Siitiiskaan qaama keessoo namaa sirnaan adda baasee mul’isuurratti raajii irraa kan sadarkaa olaanaan fooyyeeffame dhiyaate ta’uu dubbatu Dr Muddin.

Raajiin miidhaa qabaa?

Raajiin wal’aansa fayyaa keessatti faayidaa guddaa qabatullee miidhaa sodaatamus qaba.

Ogeessi raadiyoolojii Dr. Muddiin miidhaa raajiin qaamaa namaarraan gahu bakka lamatti qoodan kaasan. Of eeggannoon barbaachisu yoo taasifamuu baate, miidhaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qabaachu mala jedhu.

Hangi carallaa raajii miliisifirtii 50 ol yoo ta’e gogaa qaamaa guba, maseenummaa, kaansarii namatti fiduu, rifeensa namarraa harcaasuun moleessuu, ijaa miidhuun dhibee kataraaktii jedhamuf nama saaxila jedhan.

Miidhaan akkasi kunis irra jiraan namoota wal'aansa kaansarii fudhatan irratti qaqqabsiisu mala jedhan.

Miidhaan Hangi carallaa raajii qaama namattii gadhiifamu guddaa yoo ta’e, kaansarii nama raajii ka’etti fidu danda’a, miidhaa yeroo dheeraatiin ammoo qaccee sanyiitiin dhala ittaanutti darbuullee danda’a jedhan oggeessi kun.

Miidhaan carallaa raajiitiin namoota dhibbee kaansariitiif saaxilu danda'us, wal irratti kuufamaa adeemun yeroo dheeraa booda miidhaa dhaqabsiisuu akka danda'u himan. Kana malees carallaan raajii kun qaccee sanyii geeddaruu ni danda’a jedhan.

Walitti ida’amni hanga carallaa kun hanga guddataa adeemu miidhaan inni qaqqabsiisu akka guddatu ibsan.

Qaama keessatti carrallaa raajiin caalaa kan miidhamu maali?

Qaama keenya keessaa carallaa raajiitiin akka laayyootti dafanii kan miidhaman xannacha Taayiroodii, cidhaan, ovaarii fi harma akka ta’e ogeessi raajii kan himan.

Wayita namni tokko raajii kaafamutti ofeeggannoof golgaan mormaa, cidhaanii fi harma dubartootatti haguugamu qabu jiraachuu himan.

Namoota gurguddoo fi daa’imman waliin walbira yeroo qabaman daa’imman carallaan dafanii miidhamu jedhu.

Kana malees, dubartoonni ulfaa namoota kaan caala carallaa raajiin miidhamoodha.

Dr Muddiin akka himanitti, hubannoon hawaasni miidhaa fi fayidaa raajiirratti qabu xiqqaa ta’uu dubbatu.

Dhukkubsattoonni wal’aansaaf hospitaala Asallaa seenan yoo raajii hin kaafamne’’yaala gahaa otoo hin arganne akka gaggeessinetti lakkaa’u,’’ jedhan.

Raajii otoo hin ka’iin akkamittin gala?’’ jedhanii dhukkubsatoonni akka raajii kaafaman gaafatan akka turanillee ibsan.

Dr Muddiin hawaasa qofa otoo hin taane ogeeyyiin fayyaa hubannoo gahaa akka hin qabne eeran.

Yunvarsiitii Gondaritti qo’annoo ALI bara 2013'tti ogeeyyii olaanoo yunvarsiitichaarratti gaggeessaniin kana mirkaneessu eeran.

Waa’ee raajii ogeessi maal gorsan?

Dhukkubsatan wal’aansa barbaadu raajii ka’uu kan qabu hakiimonni miidhaafi bu’aasaa madalaanii yoo murteessan qofa ta’uu gorsan.

Itti dabaluun, namoonni iddoo tajaajilli raajii kennamu turuu caalaa akka irraa fagaatan gorsan.

Iddoo tajaajilli raajii kennamutti mallattoo akeekkachiisa kaa’aman hubatanii namoonni irra fagaachuu qabu jedhan.