Israa'el lammileeshee butamanii Gaazaa jiran sadii dogoggoraan ajjeesuu himte

Namoota Israa'eliin dogoggoraan ajjeefaman

Madda suuraa, HOSTAGE AND MISSING FAMILIES FORUM

Maxxanfame

Humni Waraanaa Israa'el namoota sadii Gaazaatti qabamanii turan dogoggoraan akka Israa'eliif balaa tahanitti adda baafamuun booda ajjeefamuu hime.

Namoonni kunneen Yootaam Haayim, 28, Saamer Taalalkaa, 22, fi Aloon Shaamriiz, 26 jedhamu

Waraanni gaabbii itti dhagahame ibsuun nammoonni sadeen kunneen oppireeshinii kaaba Gaazaa Sheejaayaa keessatti geggeefameen ajjeefaman jedhe.

Namoonni gaafa Onkololeessa 7 Hamaasiin butaman 100 tahan ammallee Gaazaatti argamu.

Humni Waraanaa Israa'el taateen gaafa Jimaataa qoratamaa jiraachuu himuun, ''waan uummameef gaddaafi gaabbii ibsuun maatiif ergaa gaddaa dhaameera,''

''Ergamni keenya biyyaalessaa namoota butaman iddoo isaanii baruufi hundumasaanii gadhiisisuudha,'' jedhe.

Namoonni dhibbaan lakkaa'aman wiirtuu Tel Aviivitti walitti qabamuun mootummaan namoonni qabaman akka gadhiifaman akka mirkaneessuuf waamicha dhiyeessaa jiru.

Hiriirtoonni daandiitti bahan dungoo fi kaardii barreeffama''gara mana isaaniitti deebisaa'' jedhu qabataniiru.

Reeffi namoota sadii gara daangaa Israa'el kan deebi'e yoo tahu keellaa irratti eenyummaan isaanii mirkanaa'era.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu du'a jara kanaa ''gadda ulfaataa,'' jedhan.

''Yeroo ulfaataa kanatti madaa keenya hidhannee, dogoggora keenyarraa barachaa warreen butaman hunda deebisuuf tattaaffii cimaan itti fufna,'' jedhan.

Dubbiihimaan Waayit Haawus Joon Kirbiin ajjeechaan raawwate, ''dogoggora gaddisiisaa dha,'' garuu Ameerikaan ''akkatti oppireeshiniin kuni raawwate hin sirriitti barre,'' jedhan.

Gaafa Onkololeessa, 7 Hamaas haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesee, namoota 240 buteen booda, kaan gadhiifamanii namoota 100tu hafee jira.

Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu Gaazaatti hamma yoonaa namoonni 18,800 ajjeefamuufi kanneen 50,000 tahan ammoo madaa'uu himeera.

Heen Avigdooriin haadha warraa fi intallisaa kanneen gadhiifaman keessa yoo tahan, namoota kunneen ''mala waraanaan'' baraaruun danda'ama jedhama.

Tahus, ''malli waraanaa jara kunneen nagaan qe'ee isaaniitti deebisu hin jiru,'' jechuun X irratti barreesse.

''Namni sammuufi laphee qabu hundi kan hubachuu qabu waan tokko: Israa'el waliigaltee raawwachuun reeffa fiduurra nama nagaa deebisuu qabdi,'' jedhe.