Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldaan Piriimer Liigii Itoophiyaa kilaboota Makkalaakayaa fi Sidaamaa Bunnaa birrii mil. 39 adabe
Waldaan Piriimer Liigii Itoophyaa seera faayinaansii cabsaniiru jechuudhaan kilabii Ispoortii Makkalaakayaa (Machaal) birrii miiliyoona 21, akkasumas Sidaamaa Bunnaa ammoo birrii miliyoona 18n adabu beeksiise.
Dhaabbatichi akkuma Maqalee 70 Indartaa fi Magaalaa Hawaasaa tokkoo tokkoosaanii birrii miliyoona 3n akka adabaman kan irratti murteessee ta'uu ibsa Guraandhala 24, 2025 fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen beeksiiseera.
Haaluma kanaanis waliigalatti kilaboota afur irratti adabbii birrii miliyoona 45 murteesseera.
Koreen To'annoo Faayinaansii Pirimer Liigii Itoophiyaa kun taphatoota kilaboota arfan seera cabsaniiru jedheen 15 irrattis tokkoo tokkoonsaanii birrii kuma 200 adabeera.
Hohggantoonni adeemsa kana keessatti hirmaataniiru jedhamanis waggaa lamaaf kilabii kamuu keessatti hoggansaan akka hin hirmaanne dhorkeera.
Koreen kunis hojii qulqulleessuu raawwadheera edheen qajeelfama Bulchinsa Sirna Kanfaltii Kilaboota jedhameetiin alatti jijjirraa taphatoota 7 raawwateera kan jedhame Kilabiin Machaal waliigalatti kilabicharratti addabbiin birrii miiliyoona 21 murtaa'eera.
Gama biraatiin ammoo, haaluma walfakkaatuun Kilabiin Kubbaa Miilaa Sidaamaa Bunnaa haala seera cabseen taphattoota 6 mallatteessisuu isaatti waliigalatti adabbiin birrii miiliyooan 18 irratti murtaa'eera.
Balleessaan kilaboonni kunneen raawwataniiru jedhame kunis Waldichaan yoo ibsamu, kanfaltii dursaa taphattootaa haala waldichi hin beekneen karaa qaama sadaffaatiin kanfaluudhaaf yaalaniiru jedheera.
Kunis taphattoonni karaa ifa ta'een mallatteessaniiru maallaqa jedhamee caalaa akka argatan taasiseera jedheera.
Taphattoonni haala kanaan mallatteessan ammoo tokkoon tokkoosaanii addabbii birrii kuma 200 akka kaffalan irratti murtaa'era.
Taphattoota kilabii Machaal haala kanaan addabbiin irratti murtaa'ee keessaa Miniyili Wandimmuu, Daawiiti Maammoo, Dasaalanyi Katamaa, Nasiraddiin Haayiluu, Barakati Dassitaa, Amaanu'eel Yohaannis fi Firiimpoong Beensuu keessatti argamu.
Haaluma walfakkaatuun taphattoonni Kilabii kubbaa miilaa Sidaamaa kan ta'an Haabtaamuu Taaddasa, Masfiin Taafas, Firaaol Mangistuu, dursaa garee biyyaaleessaa Yaareed Baayah, Saamu'eel Saaliisoo fi Dastaa Daamuu tokkoon tokkoosaanii birrii kuma 200 akka kanfalan itti murtaa'eera.
Kana malees, seera cabsuudhaan taphataa Ye'aabsiraa Tasfaayee jedhamu mallateessiseera kan jedhama Maqalee 7 Indartaan akkasumas taphataa Israa'el Isheetuu jedhamu kan mallatteesisee Hawaasaan tokkoon tokkoosaanii birrii miiliyoona sadii, taphattoonni ammoo birrii kuma 200 akka kanfalan itti murtaa'eera.
Kilabiin ispoortii Machaalii fi Sidaamaa Bunnaa dambii cabsaniiru jedhamanis akka jijjirraa taphattoota ittaanu keessatti hin hirmaannee fi walitti qabaan boordii kilabichaa fi hojii gaggeessaa adeemsicha keessatti hirmaataniiru jedhaman dabalatee waggaa lamaaf hoggansa kilabichaa kamuu keessatti akka hin hirmaanneef dhorkamaniiru.
Piriimiyeer Liigiin Itoophiyaa Finfinnee dabalatee magaaloota naannoolee garaa garaa keessatti hirmaataa jiru keessatti, amma addabbiin birrii miliyoona 21 kan itti murtaa'e Machaal qabxii 27n sadarkaa arfaffaa irratti argama. Kilabiin Sidaamaa Bunnaan birrii miiliyoona 18 adabame ammoo qabxii 23n sadarkaa 11ffaarratti argama.
Kilaboonni adabbiin kun irra kaa'aames hanga ammaatti dhimma kanarratti yaadni kennan hin jiru.
Waldaan Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa addabbii kana ilaalchisee torban kan ibsa akka kennuu eegamaa jira.
Waldaan Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa yeroon jijjirraa taphattootaa kan saaqamu Roobii Guraandhala 26, 2025 yoo ta'u, yeroon bara dorgommii wallakkeessaa Kamisa eegalama.
Hojii gaggeessaan waldichaa Dilbata darbe ibsa kennaniin, taphattoota kaan irrattis qorannoon taasifamaa jiraachu beeksiisuun, jijjiramoonni isaan booda taasifaman akka seera faayinaansii hin cabbsiineef to'annoon akka irratti taasifamu ibsaniiru.
Oduufi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.